(SQ-Waxabajjii 1,2022)
Caamsaa 29,2022 gaanama sa’aa 12:00 irratti Finxaaleyyiin Amaaraa godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuu Ganda Booqaa bakka Laftiin jedhamuutti, haadholii Oromoo 3 irratti tarkaanfii fudhataniin 2 yerooma sana ajjeesuun 1 ammoo madaa’un Hospitaala Naqamtee jiru jedhu maddeen SQ.
Haadholiin Oromoo finxaaleyyii Amaaraa kanaan ajjeefaman kunneen, Aadde Naccituu Wayyeessaa Bali’isii fi Aadde Magarsee Toleeraa Garbaa kannneen jedhaman yoo ta’an Aadde Bokoree Ayyaansaa ammoo madaa’uun hospitaala Naqamtee jiraachuu odeeffanneerra.
Waraanni faashistii Bilxiginnaa fi finxaaleyyiin Amaaraa Onkololeessa 10,2021 irra eegalanii wal ta’uun gocha suukanneessaa saba Oromoo irratti raawwachaa jiran kan durii caalaa cimsanii itti fufaniiru.