Mooraan Qabsoo Bilisummaa Oromoo adeemsa OPDO kaleessa PP har’a sirnaan hubachuu qaba jedhame.

Mooraan Qabsoo Bilisummaa Oromoo adeemsa OPDO kaleessa PP har’a sirnaan hubachuu qaba jedhame.

(SQ-Fulbaana 24,2022)

OPDO’n kaleessaa PP’n gurmuu albaadhessotaa, gantootaa, hattootaa, saamtotaa, yakkamtootaa, dureessotaa fi ajjeestoota ( Genocider) waan ta’aniif hojii tooftaan guutee cichanii hojjetu.
Ergamtummaa TPLF jalaa erga of baasan booda akkatti angoo dhala isaanitti daddabarsaa deeman irratti xiyyeeffannoon hojjatu jedhu keessa beektonni.

Gurmuun OPDO kaleessa PP har’a kun yakka gita hin qabne fi badhaadhina saamichaan argame waan kuufataniif, maqaa qabsoo Oromoon angoo irra bubbuluuf kufanii ka’uu akkasumaas Angoon isaan of harka qaban kan yakka roga hundaan waggoota 30 oliif raawwatani fi sooruma saamichaan dhufe itti tikfatanidha.

Maqaa OPDO-ODP-PP jedhun of jijjiiraa fi of haaromsaa angoo walitti daddabarsaa kan jiraan jarreen, Impaayerittiin yoo jiraatte haala faana of jijjiiraa, nama fuula haaraa angootti olfidaa nageenyummaa isaanii tikfatu.

Impaayerittiin yoo diigamte, isaanumatu wal ijaaruun fi caasaa qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti dirirsaa qabsoo Oromoo butuun,Oromiyaa Walaboomtuttis akkatti angoon of harka hin baane adeemsaan irratti hojjataa deemu kan jedhan xinxaltoonni adeemsi yakkamtoota kanneeni immoo Sabaa Oromoof dafee kan ifu miti jedhu.

OPDO,ODP fi PP tuffachaa deemuun sirri miti kan jedhan jarri kun yakka lubbuu dhala namaatiin warra laaqameedha.
saamicha gara hin qabneen warra duroomanidha. garatti baqatanis hin qaban. filannoon isaan qaban, qaama dhiibbaa isaanitti uumu dantaan sossobuu, dhabamsiisuu fi qabsoo butaa haala faana angoo isaanii tikfachuudha. Angoon of harkaa qaban dhimma jiraachuu fi dhabamuu akka ta’etti sammuu isaanii amansiisaniiru jedhu.

Kanaaf gurmuu Abbaa Duulaa Gammadaa, Kumaa Dammaqsaa, angafoota OPDO durii duuba ta’anii maarshii jijjiiraa jiraatan kana hiddi isaanii ciramee hamma badutti xiyyeeffannoon jara kana irratti ta’uu qaba jedhu.

Abiy gurmuu kanaaf agartuudha. Gurmuun diinagdee fi angoon machaa’ee bara baraan maqaa jijjiirrachaa jiraachuu fedhu irratti qabsoon taasifamu hubannaa barbaada kana malees Sabni Oromoo fi lammiileen Oromiyaa yakkamtoota waggoota hedduuf dhiigaa ilmaan Oromoo dhangalaasaa fi dhangalaasisaa ture bilchinaan ilaalu qaba.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *