Bunnoo Beddelleetti Waraanni Bilxiginnaa Barsiisaa 1 ajjeesuun beekame.
(SQ-Fulbaana 24,2022)
Waraanni faashistii Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti ilmaan Oromoo badii tokko malee ajjeesaa jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa kan jirrudha.
Haaluma kanaan nama maqaan isaa Obbo Taliilaa Girmaa Badhaanee jedhamu Godina Bunnoo Beddelleetti hojii Barsiisummaa hojjechaa kan ture fi Achumatti bultii ijaarrachuun Daa’ima Durbaa 1 kan qabu, wayita inni ayyaanaaf gara maatii isaa ture finfinneetti ddeebi’a jirutti, waraanni Bilxiginnaa Aanaa Daaboo bakka 77 jedhamutti, konkolaata keessaa buusuun badii tokko malee erga hidhan booda, ajjeesanii gatuu maddeen SQtti himan.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti Barsiisaa Taliilaan Dhalootaan Godina Salaalee Aanaa Warra jaarsoo yoo ta’u hojii Barsiisummaaf Godina Bunnoo Beddellee jiraata jechuun, namni kun nama siyaasa keessaa qoodaa hin qabneefi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa qabu yoo ta’u, badii qabaatee osoo hin taane sababa Oromummaa isaa qofaaf akka bineensaatti ajjeefame jechuun miira gaddaan dubbatu.
Mootummaan Bilxiginnaa Ajjeechaa wal fakkaataa kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti raawwachaa jiraachuun beekamaadha.