Balaa Sigigaachuu lafaan lubbuun shamarran 3 darbe

Godina Qeellam wallaggaatti balaa sigiga lafaa mudateen lubbuun shamarran sadii darbeera.

Godina Qeellam wallaggaa Aanaa Jimmaa Horrootti sigigaachuu lafaatiin lubbuun shamarran sadii darbuun qabeenyi hedduun barbadaa’eera.

Aanaa Jimmaa Horroo gandoota aanichaa, sadii Qaammee 01, 2016. Jimaata halkan maatiin kun osoo rafaa jiranii roobni cimaan roobe, magaalaa Danbi Dolloo  irraa gara dhihaatti km 135 fagaattee kan argamtutti manni Jireenyaa Abbaa maatii tokkoo irratti biyyoon galagaluun Abbaa warraa fi Haati warraa yoo lubbuun oolan ijoolleen durbaa sadii lubbuun darbuun reeffi shamarran sadanii Dilbata, qaammee 02, 2016, gargaarsa hawaasa naannoon argamuu dandaheera 

Itti gaafatamaan waajjira Bulchiinsa Sodaa Balaa godina qeellam wallaggaa obbo Nuuraa Mohamed akka jedhanitti, bakka balaan kun itti mudate gandoota sadii keessatti bineeldonni manaa fi lafti heektaara 20 midhaan uwwifame miidhameera jedhaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *