Wiliyaam Ruutoon Prezedaantii Keeniyaa 5ffaa ta’uun filatame.
(SQ-Hagayya 15,2022)
Komishineerri Filannoo Biyyaalessaa Keeniyaatti hoogganaa kan ta’an Wafula Cheebukat ibsa laataniin Wiliyaam Ruutoon sagalee 50.49 ykn sagalee miliyeena 7 ol argachuun Prezedaantii Keeniyaa ta’uun filatamaniiru.