Haleella Faannoon Walloo Jiillee Dhummuugaatti baneen namoonni 19 ol wareegamun dhaga’ame.
(SQ-Adoolessa 14,2022)
Lola Adoolessa 10,2022 Kaabaa Oromiyaa Wallootti Faannoo fi milishaa Amaaraan uummata Oromoo Walloo irratti banameen namoonni 19 0l wareegamun 30 ammoo mada’aniiru.
Madoowwan 30 ol kan haleellaa Jiillee Dhummuugaatti raawwatameen rukutamanii Hospitaala Kamisee geeffaman waldhaansa olaanu argachuuf gara Oromiyaa yookaan gara Dassee geeffamu kan qaban. akka isaan hin deemneefis humnoonni shororkeessitoota Faannoo hidhannoo guutuun karaa cufanii dhorganii jiru jedhan.
Wiixata waaree booda erga haleellaan dhaabbatee as, humnoonni shororkeessitoota Faannoo humna poolisii naannoo Amaaraatiin deeggeramuun, sochiin geejibaa fi hidhannoon qawwee godina addaa Oromoo Walloo keessatti akka ittifamuuf labsanii jiru.
Bu’uruma kanaan madoowwan 30 ol kan haleellaa Jiillee Dhummuugaatti raawwatameen rukutamanii Hospitaala Kamisee geeffaman waldhaansa olaanu argachuuf gara Oromiyaa yookaan gara Dassee akka hin deemneefis humnoonni shororkeessitoota Faannoo hidhannoo guutuun karaa cufanii dhorkanii jiru jedhu jiraattonni.
Qonnaan bultoonni Oromoo Walloo haleellaa kanaan rasaasaan rukutaman yeroo ammaa kana Hospitaala Kamisee keessatti waldhaansi taasifamaafii kan jiru ta’us, gariin isaanii miidhaa hammaataaf waan saaxilamaniif hospitaala riferaalaa geeffamanii akka waldhaanamaniif riifeeriin barreeffameeraaf jedhu.
Haa ta’uu malee madoowwan riifeeriin barreeffameef kana gara hospitaala olaanuutti geessuuf haalonni danqaan uumamee jira kan jedhan maddeen, humnoonni shororkeessitoota Faannoo madoo keenya akka hin yaallanneef nu ittisaniiru jedhu.
Bakka addaa Karra Qorii fi Shawaa Roobititti daandii cufuun, madoon waldhaansa olaanuuf akka hin dabarre dhorkuun cinatti, kanneen Hospitaala Kamisee keessatti lubbuun isaanii darbe gara Jiilleetti akka hin deebineef, Karra Qoriitti, gara Oromiyaa akka hin deemneefis Shawaa roobititti daandii cufanii jiru jechuun miira gaddaan dubbatu.
Hawaasni Oromoo Walloo akka birmannaa hin taasifneef geejibni dhorkameera kan jedhan jiraattonni, dabalataanis qonnaan bulaan kamuu hidhannoo hidhatee akka hin sochoone taasifameera jedhu.
Haleellaan Wiixata darbe eegalamee ture yeroo ammaa kanatti dhaabbatee kan jiru ta’uu fi godinicha keessatti dhukaasni dhaabbatus, uummatni Oromoo sababa hidhannoo hiikkachiifameef shakkii fi yaaddoo keessa jiraachuu ibsaniiru.