Godina Baalee aanaa Gurra Dhaamoleetti ummanni sababa beelaa fi nageenyaatiin buqqa’uun gara aanoota ollaatti baqataa jiraachuun himame.

Godina Baalee aanaa Gurra Dhaamoleetti ummanni sababa beelaa fi nageenyaatiin buqqa’uun gara aanoota ollaatti baqataa jiraachuun himame.

(SQ-Adoolessa 14,2022)

Gandoota aanichaa Hokkoltuu fi Habroonaa jedhaman keessaa sababa humnoonni naannoo Somaalee daangaa ceehanii haleellaa ummata irratti raawwatanii fi beelaa yeroo dheeraatiin jiraattonni kuma 8 caalaan gara aanota ollaatti baqataa jira.

Aanaa Gurra Dhaamoleetti hidhattoota naannoo Somaalee daangaa ceehanii Oromiyaa seenanii fi beelaan ummanni qe’eef qabeenya isaa irraa buqqa’ee godaanuuf dirqamuu maddeen naannichaa nuuf himanii jiru.

Akka maddeen naannichaa himanitti balaa beelaa yeroo dheeraa turee fi haleellaa humnoonni hidhatan naannoo Somaalee irraa daangaa ceehuun ummata irratti raawwataniin gandoota aanichaa lama keessa namoonni kuma saddeetii (8000) ol buqqa’uun gara aanaalee ollaatti baqaataa jiru.

Haleellaan humnoonni naannoo Somaalee babal’ifannaa lafaatiif ummata irratti taasisanii fi beela hammaateen ganda Hokkoltuu fi Habroonaa jedhaman irraa uummanni buqqa’uun gara aanaa Dalloo Mannaa fi Daawwee Qaachanitti baqataa jira.

Ummanni kun gabayaa dhaqee midhaan nyaataa bitachuuf daandiin gandoota kanaa fi magaalaa Jibrii wal qunnamsiisu humnoota daangaa ceehanii dhufan kanaan addaan cituu kan himan maddeen, ummanni kun waraanaa fi beelaan marfamee gidiraa hamaa keessa jira jedhan.

Humnoonni naannoo Somaalee irraa daangaa cehuun ummata beelaan miidhame irratti waraana banan kun kaayyoon isaanii gandoota Hokkoltuu fi Habroonaa jedhaman Oromiyaa jalaa baasani naannoo Somaalee jala galchuudha kan jedhu jiraataan ganda Habroonaa irraa yaada isaa nuuf kenne, yeroo ammaa lafa ummata Oromoo irra qubatanii jiru jedha.

Ummanni ganda Habroonaa keessa jiraatu lafa gammoojjii dur irra jiraatu irraa hidhattoota kanaa fi beelaan buqqa’ee gara lafa baddaatti ol siqee jiraachuu kan himu namni maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne biraa hanga ammaatti ganda Habroonaa keessatti namoonni sadii rasaasaan dhahamani waldhaansa malee rakkaataa jiru jedha.

Namoonni rasaasaan dhahaman kun akka waldhaansa hin arganneef daandiin gara magaalaa geessu cafaa waan ta’eef madoon keenya qorichuma aadaatiin wal dhaanamaa jiru jechuun dubbatu.

Ganda Hokkoltuu irraa ammoo abbootiin warraa 1300 buqqa’uun gara aanaa Dalloo Mannaa fi Daawwee Qaacanitti baqatani jiru jedhame.

Ummanni kun yeroo gara aanoota ollaa kanatti baqataa turetti namoonni Afur sababa beelaatiin harkatti du’uu jiraataan dubbifne nuuf himee jira.

Ji’oota sadan darbaniif gargaarsi homaatu ummata akka hin dhaqqabne kan himan maddeen, deeggarsi namoomaa aanaa irraa ummata kanaaf ergame yeroo lama hidhattoota naannoo Somaaleetiin karaa irratti saamamuu ibsani jiru.

Dhuma irratti jiraataan ganda Hokkoltuu ummanni Oromoo, lafti lafee isaa waan taateef daangaa Oromiyaa kallatti garagaraatiin sarbamaa jiru dura dhaabbachuu akka qabuu fi ummata beelaa fi rakkoo nageenyaatiin buqqa’aa jiruuf akka birmannaa taasisuuf waamicha dhiyeesse jira.

Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa humnoota daangaa Oromiyaa seenuun uummata buqqisaa jiran dhaabsisuufis ta’ee beela cimaa uummata mudateef birmannaa wayiituu hin taasifne jechuun ummatani komata.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *