Bara 2019 irraa eegalee barattoonni waggaa 3ffaa xumuran waggaa 4ffaa osoo hin seenin dura waggaa 1 tajaajiluun dirqama ta’a

“Bara 2019 irraa eegalee barattoonni waggaa 3ffaa xumuran waggaa 4ffaa osoo hin seenin dura waggaa 1 tajaajiluun dirqama ta’a” – Prof Biraanuu Naggaa

Ministirri Barnootaa obbo Biraanuu Naggaa barattoonni barnoota yuunivarsiitii waggaa sadaffaa xumuran waggaa 4ffaa osoo hin seeniin dura waggaa tokkoof tajaajila akka kennan bara 2019 irraa eegalee hojiirra akka oolu himan.

Prof. Biraanuu Naggaaย  akka jedhanitti “Waggaa dhufu ta’uu dhiisuu mala, garuu sirna seeraa guutuu erga xumuranii booda barattoonni bara 2019 barnoota yuunivarsiitii waggaa 3ffaa xumuran bara 2019 irraa eegalee waggaa 4ffaa isaanii osoo hin seenin dura waggaa 1 tajaajila kennuu qabu,” jedhan.

“Kanaan duras ture, haaraa miti, bara Jaanooy(yeroo Emperor Hayile Sillaasee) ture,” jechuun ibsan.

“Kana kan goonu faayidaa lama waan qabuuf: tokkoffaa, ijoolleen gosoota barnootaa qofa osoo hin taane barnoota qabatamaa waggaa tokkoof, achi dhaqanii hojjetanii hawaasa waliin wal baru. Lammaffaa, hanqinni barsiisaa waan jiruuf, waggaa tokko qofaaf yoo ta’ellee, ijoollee barsiisuutti galchuu ni dandeenya,” jedhu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *