Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti Himnootiin Finxaaleyyii Amaaraa konkolaataa Ummataa irratti Dhukaasa bananiin Yoo xiqqaate lubbuu namoota 7 galaafataniiru.
Guyyaa har’aa Ganama 09/04/2025, Naannoo sa’atii 04:00tti, Godina H/G/Wallaggaa, Aanaa Abee Dongoroo Ganda Gaararootti, finxaaleyyiin faannoo Ummata karaa nagaa konkolaataan imalaa turan irratti Dhukaasa bananiin bifa sanyii duguuggaa oromoo irratti gaggeessan jabeessuu isaanii mul’isuun namoota 7 ajjeesaniiru.🥹
Maqaan namoota lubbuun darbanii kanneen argame 👇
1, Marii Garbaa
2, Gamachu cimdeessaa
3, Xannaa Darajje
4, Yaadataa Aabbasa yoo ta’an Maqaan namoota hafanii ammaaf qulqulleeffachuu hin dandeenye.
Humnootiin Finxaaleyyii Faannoo kunneen Torban tokko dura Aanuma kanatti bakka tokkotti Namoota nagaa 15 yoo ajjeesan guyyaa “lama dura Ebla 6/2025 godina Horroo Guduruu Aanaa Jaardegaa Jaarteetti lubbuu namoota 10 galaafatanii jiru.
Barattoonni M/B godinaalee Horroo Guduruu keessatti argaman guyyoota lamaan darban Ajjeechaa Jumulaa humnootii Finxaaleyyii kanaan Ummata Oromoo irratti raawwatame Hiriira balaaleffannaa finxaleeyyii gaggeessuun mootummaatti Iiyyachaa jiru.