Humnootiin Mootummaa Naannoo Amaara hidhachiisamanii Oromiyaa keessatti yakka Ajjeechaa raawwatan HGW Jaardegaa Jaarteetti jumulaan nama fixan.
Sirni Nageenya Qe’ee Oromoo tiksu dhibuun Finxaaleyyiin Amaaraa daangaa Oromiyaa keessatti ajjeechaa sukkaneessaa irra deddeebiin raawwataa jiru.
Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardegaa Jaarteetti humnootiin Finxaaleyyii Amaaraa maqaa Faannoon hidhatanii socho’an Ebla 6/2025 galgala keessa irraa eegalanii weerara bananaiin qabeenyaa Ummataa hedduu barbadeessuu fi saamuun lubbuu namoota nagaa daa’ima xiqqoo dabalatee galafaatanii jiru.😭😭
Ajjeechaa humnootiin Finxaaleyyii raawwatan kanaan qaamni biyya bulchu callisuun irra deddeebiin Ajjeechaaan kun raawwatamaa jira.
Humnootiin Finxaaleyyii kunneen Torban tokko dura Godinuma Horroo Guduruu wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti namoota 15 ol bakka tokkotti fixanii gabaasuun keenya ni yaadatama.
Godinaalee Oromiyaa gama daangaa Amaaraan wal daangessu jedhaman kanneen Shaggar Kaabaa Salaaleen ,Shaggar Bahaa Gama Boosattiin,Wallaggaa Bahaa fi Horroo Guduruu dabalatee ajjeechaan sukkaneessaan humnoota Finxaaleyyii Naannoo Amaaraa Faannoo jedhamaniin ummata nagaa irratti daa’immanii hanga manguddootaatti raawwataa jiru.
Namoonni lubbuun darban baay’ee tahanis kanneen maqaan isaanii argame kanneen gadiiti.
1. Dalasaa Namoomsaa
2. Guutamaa Namoomsaa
3. Tamasgeen Rattaa
4. Fiqaaduu Immiruu
5. Addisuu Fiqaaduu
6. Hirkisaa Habtamuu
7. Tasfaayee Amanuu
8. Kumarraa Amanuu
9. Dassaalee Booranaa