Bitootessa 24 yeroo kabajnu gaaffilee 7 kana yaadachuu qabna jedhan Deetaan Ministeera Nagaa duraanii Taayyee Danda’aa

“Tokkummaa keessoo sibiiliffa jabeessi. Obboloota waliinis hiriira kee sirreessi. Shiraa fi qumaara siyaasaa hundeerraa maseensi. Kaayoo bilisummaa, nagaa, haqaa fi qananiif qabatte fullaasi. Duraanuu mootee beekta. Ammas shakkii malee moota! “Jedhan Obbo Taayyeen shiraa fi daba yeroo ammaa ummata irratti tahaa jiruu fi waadaa Bitootessa 24 MM Abiyyi Ahimed seene dagatamuu yaadachiisuun

Faaruu kijibaa dhiifnee dubbiin ija kanaan otoo ilaalame, bakka kaane irraa hagam fagaatame?
Ammaaf kanneen armaa gadiitu gaafatame!

1. Nagaa fi araara buusuuf gaafas waadaa seename. Araaraan nagaa mirkaneessuun ajandaa duraati jedhame. Koomishinni araaraa fi ministeerri nageenyaa kanaaf jaarame. Qabatamaan garuu nagaan bakka maraa dhabame. Tigraay ganna lamaaf waraanni hamaan gegeeffame. Qaama tokkotu dabaan wal-nyaachifame. Amaaratti wal-ajjeechaan obboleeyyanii ganna lamaan dura eegalame. Oromiyaa lolli obboleeyyanii fi abbaa-ilmaa ganna jahaaf raawwatame. Kana maratti ilmaan hiyyeessaatu wareegame. Dargaggoo waliin jijjiirama fiddetu qumaaraaf walitti jijjiirame. Qabeenyi biyyaas bilaasha qisaasame. Obboloota wal-ficcisiisuun dhaabatee, nagaan haa bu’u jennaan, dubbiin “shororkeessuu” jedhame. Duuba waadaan gaafa jijjiiramaa nagaaf seename eessa deeme?

2. Haqa mirkaneessunis ajandaa duraa jedhame. Bu’uurri nagaa f badhaadhinaa haqa ta’uu ifaan himame. Namuu cubbuu diduun haqa faana akka dhaabatu gorfame. Sun hunda biratti gammachuun fudhatame. Garuu otoo fireechaan hin ifin karaan jijjiirame. Qabatamaan haqni kaleessa caalaa haqanqaalame. Mataan haqaa waldaa dhunfaa dhirsaa-niitii fakkeeffame. Abdiileen saba miliyoonaan buqqisee fi kumaan ajjeese bilisa gadhiifame. Sabi garuu badii malee kumootaan hidhaatti kuufame. Jaarsa ganna 80-tu badii ilma ganna 30-tiif gaafii ala hidhame. “Balleessaa” abbaatiif daa’ima ganna sadiitti duuti murame Kun seenaa addunyaa keessattuu jalqabaaf dhagahame. Angoo fi qabeenyis jaalaa-soddaan qoodame. Kan fira olii qabu oggasuu kisaaraa hiyyeessatiin biliyeenome. Hiyyeessi dur beenyaa xiqqaan buqqa’u garuu hardha sanuu dhoowwatame. Haqi buqqaatota duriis dallaaladhaan fudhatame. Warri kaleessa ilmaa-intala qabsootti wareege ammoo cirumaa dagatame. Miidhamni ummata Shakkisoo itti dhiifame. Duuba haqi gaafas jenne eessa geeffame?

3. Hanna irrattis labsii jabaatu baafame. Keessattu kachachalli gurmaaye akka balaa biyyaatti ilaalame. Gubbaa haga jalaa hidda hannaa kutuuf kakatame. Barruu fi dubbiin hanni “Sarara Diima dha” jedhame. Saniif jaarmota jajjabeessuun karoorfame. Lammii maratti abdiin horame. Caasaa mootummaa irraas tajaajilli qulqulluu fi si’ataan eegame. Garuu booda labsiin farra hannaa bakka bu’e dhabame. Jaarmaa jabeessuu mannaa laaffisuutti seename. Karaa saba salphisuun Caffeen daa’imatti kenname. Saniin madaalli jaldhifame. Gama biraattis faarse-bulaan bakka furtuutti shuumame. Caasaan duruu hin jirre daranuu butuchame. Hanni akka waan seeraan tumamee waliigalatti diriirfame. Kaartaa geeddaruun manni abbaa irratti gurgurame. Booda hanni sarara diimaa jedhame “Afaa Diimaa” ta’uun gubbumaa himame. Yoona “biyya diigufi” jechuun koreen wahii itti tolfame. Sunis torbanoota keessa dagatame. Inumaa warshaa daabboo ijaarraan “Hanni Halaala” jedhame. Amma hattuu qabatuun qulqulluu irratti duulame. Kanumaaf hanna irratti akkas dheekamamee?

4. Tokkummaan utubaa ijaarsa biyyaa ta’uu dubbanne. Dubbii obbolummaas guddoo irra dedeebine. Saniin qalbii jaalattoota biyyaa miliyoonaan hawwanne. Garuu gaafa bubbulu wanni jenne hin taane. Kan jenne dhiisuun faallaa deemne. Alagaa baargamaan “Koode” jechaa obboleessa lammii isa ofii ka’ee nu teechise fageessine. Jaalaa-soddaa qajeeltoo gurmuu godhanne. Tokkummaa sabi wareegamaan jaarates diiguun gandaa gaditti galchine. Amantii, gosaa fi ilaalchaan saba qoqooduun saba guddaa xinneessine. Obboleeyyan sabootaa kan gaafa rakkoo isaaf tumsan faanas wal-jibbisiifne. Sila tokkummaa fi obbolummaa gaafa kakuu san garam deebifne?

5. Dhugaa fi beekumsaan hojjatuufis danuu dhaadatame. Ittiin bulinnaan gufuu ida’amuuti jedhame. Kanaanis lammiilee fayyaaleyyii kumaatama irraa tumsi argame. Cubbuu fi gidiraan biyya quucarse ni buqqaafamaatu eegame. Garuu deemsa keessa duubatti deebi’ame. Dhugaan jibbamaa faaruun sobaa jaalatame. Siyaasanuu qumaara ittiin ummata nagaa raatessan ta’uutu himame. Angoo ijoon wallaalaa fi kijibaaf laatame. Beekaan dhugaan dhugaaf hojjatu cinaatti qabame. Barsiifati waan lafa hin jirre waliif gabaasaa geeraruu jajjabeeffame. Nama lafattuu jiruun itti hammaaten “Xayyaara ariifataa keessa jirta” jedhame. Inni tolchee kijibe geeba badhaafame. Duuba wanni jenne eenyuun maaliif geeddarame?

6. Waayeen bilisummaas danuu lallabame. Dimokiraasii fi bilisummaan Itoophiyaaf “Dhimma Jiraachuu”i jedhame. Mormittuun obboleessa haqaa fi nagaaf qabsaayu ta’uu himame. Galmi ijoon jijjiiramichaas sirna dimokiraatawaa bilisummaa fi addooma yaadaa kabaju ijaaruu ta’uu sagalee guddaan dubbatame. Sirni ADWUI farrooma mirgoota dhunfaa fi gareetiin komatame. Seeraa ala lammiilee ajjeesuu, hidhuu fi dararuu isaaf “Shororkeessaa” jedhame. Saniif buufati Maa’ekalaawwii cufame. Gaafas irraa “Qorannu malee nama hin hiinu” jedhame. Ajjeesunis moo’amuu ta’uu himame. Sun addunyaa guututuun dinqisiifame. Garuu turtii keessa martuu dagatame. Tasuma “Dargii caalaa hammaatuuf jirra” jedhame. Achumaan aadaan dargii haareffame. Gaafii malee Lammiin ji’oota fi waggootaf hedhame. Maa’ekalaawwinis godinaa fi aanaatti babaldhifame. Yakki kaleessa abaarame martuu itti deebi’ame. Nama hidhanii dararuun daran hammeeffame. Qabanii ykn hiidhaa baasanii rashanuunis raawwatame. Gibira kaffaliif manni namarratti gubame. Haadha deechee ciiftu irratti manni diigame. Dhugumaan dargii caalaa hammaatame. Bitootessi 24 waggaa 7ffaan kanaaf kabajamee?

7. Ida’amuun daandii badhaadhina hunda- galeessaa ta’uus barsiifne. Sabas jireenya fooyyee fi qananii abdachiifne. Garuu faallaa kanaa dhugoomsine. Diinagdee hundeen kuffifne. Qaala’insa gatii samii geessine. Gaafas mindaa baatii tokkoon qallaba waggaa bitanne. Hardha saniin kiraa manaatuu kanfalatuu dadhabne. Xaafii kuntaala gaafas qarshii 3,000 ture hardha 15,000n geenne. Hojjatoota dur warraaf tumsan ama tumsa warraa eegachiifne.. Maqaa riifoormiin walabummaan diinagdee ormaaf dabarfame. Sharafa alaa gabaan haa murteessu jedhame.Gatiin ibsaaf bishaanii fagoo irraa nuuf shallagame. “Badhaane” jechuun ililchiifame Booda gatiin doolaara tokkoo inni gaafa jijjiiramaa qarshii 27 ture hardha 150-tti guddifame. Gatiin xaa’oos waggaa tokko qofatti dachaan dabalame. Akkasiin hiyyeessa qananiisuun hafee sooressayyuu hiyyoomsine. Saba hojjatee bulu kadhaatti galchine. Amma lammiilee danuuf badhaadhina mitii jiruunuu dadhabame. Biyya du’aa awwaaluun rakkisetti”Abjuu keenya jiraataa jirra” jechuun qoosame. Moo duraanuu gadadoo hunda-galeessatu maqaa badhaadhinaatiin karoorfame?

Yaa Sabaa

Allaattiin fira fakkaattee simbira nyaatti jedhan. Dubbiin jajjaba ta’uu hubadhi..Hireen kee garuu suma harka jira. Ammarrraa shira yartuutiin qoqoodamuu dhiisi. Tokkummaa keessoo sibiiliffa jabeessi. Obboloota waliinis hiriira kee sirreessi. Shiraa fi qumaara siyaasaa hundeerraa maseensi. Kaayoo bilisummaa, nagaa, haqaa fi qananiif qabatte fullaasi. Duraanuu mootee beekta. Ammas shakkii malee moota!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *