Burtukaan Tamasgeen Kabbadee Eenyu?
Torban kana dubartiin Maqaan ishee Burtukaan Tamasgeen jedhamtu gama dhaabbata TV #EBSn as baatee bara 2013 E.Ctti barattuu Faarmaasii Yuuniversiitii Danbi Doolloo taatee osoo barachaa jirtuu halkan tokko osoo isheen hin yaadne taateen gaddisiisaan akka irratti raawwatame fakkeessuun immimmaan sobaa harcaasaa yeroo dubbattu Sabaa himaaleen wal harkaa fuudhanii gabaasan illee boodarra Yuuniversiitiin Danbi Doolloo bara 2013 Gosa barnootaa Faarmaasiin waggaa 2ffaa akka hin qabne eeruun Burtukaan Tamasgeen akka achitti hin baranne barattuu akkasii akka hin turres ibsuun dhimmicha maqaa balleessii adeemsisameef dhaabbata Tv EBS akka seeraan gaafatu beeksise.
Taateen kun erga tahee booda ragaaleen eenyummaa Burtukaan Tamasgeen ibsan miidiyaalee Hawaasaa irra naannawaa jiran akka ibsutti Burtukaan Tamasgeen Yuuniversiitii Hawaasaatti Gosa barnootaa Accounting and Finance jedhamu akka barachaa turtee fi qabxiin ishee walii galaas 1.87(GPA) akka tahe ifoomsee jira.
Gama biraan Burtukaan Tamasgeen EBS irratti Gondaritti akka dhalatte kan of ibsite yoo tahu waraqaan Eenyummeessaa ishee miidiyaalee Hawaasaa irra naannawaa jiru garuu kan Bulchinsa Magaalaa Finfinnee kutaa Magaalaa Addis ketama jedhu yoo tahu barri dhaloota ishee Bitootessa 08/1993 EC( 2001) tahuu kan argisiisu tahullee waraqaa eenyummeessaa dhiyyeenya hojiirra oole #Faayidaa jedhamu irratti immoo barri dhaloota ishee Caamsaa 30/1994 EC(2002) akka tahe argisiisa.
Taateewwan tibbana dubartiin Maqaan ishee Burtukaan Tamasgeen EBS irratti dubbatte jedhamtu irratti Sagaleen Qeerroo Bilisummaa Oromoo odeessalee funaannate ragaa waliin akka mul’isutti dubartiin kun tahe jettee qaama biraan ijaaramtee akka maqaa balleessii Yuuniversiitii Danbi Doolloo fi qabsoo ummatni Oromoo gaggeessu irratti shiraaf akka hojjettu taasifamuu ishee bira gahee jira.
Dhimma Burtukaan Tamasgeen irrati Sagaleen Qeerroo Bilisummaa Oromoo mooraa dhaabbatni EBS ishee waraabe kan jiraatu tokko waliin gaaffiif deebii taasise akka armaan gadiitti isiniif dhiyyeessina.
Gaafataa: Akkam jirtu ? Sagalee Qeerroo irraan isin dubbisaa jira tibbana dubartiin Maqaan ishee Burtukaan Tamasgeen jedhamtu karaa Dhaabbata TV EBS Jedhamu taatee dubbatte dhageessaniittu jedheen yaada isin immoo akka dhageenyeetti mooraa dubartiin kun kireeffattee jiraattu keessa jiraattu jechaa dhageenye kun hangam dhugaadha? Bakki isin jiraattan eessadha?
Gaafatamaa: Eeyyee taatee sana argeera guyyaa taateen kun itti waraabame Bitootessa 18/2025 tilmaamaan ganama naannoo Sa’aatii 3:00AM ni taha . intalli mana diraamaan itti hojjetamu kun yeroo murtaaheef jechuun kan baatii tokkoo fi torban hin caalleef kireeffattee ykn fudhattee erga ergama(mission) ishee xumurattee booda lakkiste bakki taateen kun itti waraabame Finfinnee naannoo #Askoo Addis safer bakka addaa #Awwaash_baankii jedhamuttidha.
Gaafataa; Dubartiin Burtukaan jedhamtu kun erga mana sana kireeffattee hangam jiraatte?isin dura moo boodadha? Maatii ni qabdii?
Gaafatamaa : Ani mooraa kana kireefadhee jiraachuu ergan eegalee waggaa tokko ol taheera ammaan dura ishees argee hin beeku isheen kan kireeffatte karaa dallaalaa yoo tahu mana kana yeroo baatii tokkoo fi torban hin caalletti kireeffattee mana sana keessa Firaashaa fi meeshaa xiqqoo qofa galchitee darbitee darbitee dhufti malee mooraa kana keessa hin jiraanne.Hanga guyyaa waraabbiin kun raawwatamutti mana sana keessatti nama hin argine guyyaa waraabbiin kun raawwatamu Daa’ima xiqqoo tokko qabattee turuu ishees argeera.
Gaafataa: yeroo dhaabbatni TV EBS Waraabbii kana raawwate isin ijaan argitaniittuu?
Argitaniittu yoo tahe maaliif akka tahe adda baasuuf yaaltaniittuu?
Gaafatamaa: Eeyyee ijaan argeera akka carraa tahee Ani hojii idilee koof yeroon mana kiyya banadhee bahu sa’aa akka biyya kanaaatti sa’aa 3:00AMtti gaafan mooraa keessan jiraadhutti bahuu Dargaggootni diddiimoo 3 fi dubartiin diimtuun tokko kan Afaan Amaaraa dubbattu kan Shirrubbaa gurraacha Ebs tv fi loogoo isaa fulduraa qabu uffatanii mooraa keessatti meeshaa miidiyaaf oolu kanneen akka camera ,Tripod fi new miche faa yeroo waraabbiif toottolchan argee achii booda maalidha kun jedhee yeroon isaan gaafadhu lakki homaa miti haadha mucaa kanatu rakkoo keessa jira akka gargaaramtuuf ishee waraabuuf deemna naan jedhan .
Anis jedhaa egaa akkas yoo ta’e jedheen bira kuteen hojiikoo deeme.
Gaafataa: isin dubartii kana waliin hariiroo qabduu erga mooraa isin kireeffattanii jiraattu tahee? Tarii ollaan ykn namni mooraa tokko keessa waliin jiraatu wal dubbisee walitti dhiyyaachuu mala waan taheef jenneet?
Gaafatamaa : Kan nama dhibu intala sana ani guyyaama sanan ijaan arge mooraa sana keessatti malee argee hin beeku akka dhuunfaatti manni sun kireeffamuun dhagahe malee eenyu akka keessa jiraatu hin barre.
Garuu Hojjettuun kiyya guyyaa waan mana ooltuuf ishee argitee beekti darbitee darbitee mucaa xiqqoo tokko qabattee akka dhuftu taateen kun erga uumamee booda gaafadhee mirkaneeffadheera
Gaafataa: Guyyaa dhaabbatni TV EBS Waraabbii raawwatu kana malee isa dura hin argine jechuudhaa isin?
Gaafatamaa : Eeyyee hin argine ani ganama baheen galgala gala waan taheef akka carraa tahee hin argine gaafuma Waraabbii kanaan ijaan arge.
Gaafataa: Mooraa isin kireeffatanii jiraattan Abbaan manaa ni jiraa? Tarii taatee kana erga miidiyaan darbee booda adda baasuuf yaaltaniittuu?
Gaafatamaa : Eeyyee Abbaa manaas haati manaas warri mana nutti kireessan mooraama nuyi jiraannu keessa jiraatu taatee kana argee booda gaafadheen ture garuu isaan umuriin dulloomoo waan tahaniif waan Beekan hin qaban dalalalamti fideef jennaan Qarshii walii galanii karuma dallaalaa dhufte Sanaa Qarshii ittiin kireeffattee kaffalteef akka jirtu naaf himan . Isaanis eenyummaa ishee sirnaan hin beekan.
Gaafataa: Hayyee Ani guyyaa tokko qofan ijaan arge gaafa dhaabbatni TV EBS Waraabbii raawwatu sana jettan ergasii ijaan argitanii beektuu ? Amma hoo mana sana keessa jirtii?
Dallaalaan mana sana isheef kireesse hoo Eenyummaan isaa ni beekamaa ?
Gaafatamaa: Ani erga dhaabbatni TV EBS ishee waraabee boodas ijaan argee hin beeku garuu yeroo ammaa mana kireeffatte sana keessaa Bitootessa 23/2025 akka meeshaa achi keessa jiru baafatte warri mooraa keessa jiraatan arganiiru. Namni mana kana kireessiseef ykn dallaalaan sun naannooma kana jiraata eenyummaa isaa beekuu baadhus qaamaan ijaan argaa isaa Naannoo kanatti argee beeka .
Gaafataa: Gaaffii fi deebii Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoof kennitaniif guddaa galatoomaa 🙏
Gaafatmaaa: Isinis odeessa kana Saba kanaaf qulqulleessuuf jettanii waan na gaafattaniif guddaa galatoomaa.