Wallagga Lixaa Mana Sibuutti Waraanni mootummaa Bilxiginnaa ilmaan Oromoo sadii ajjeese.

Wallagga Lixaa Mana Sibuutti Waraanni mootummaa Bilxiginnaa ilmaan Oromoo sadii ajjeese.

(SQ-Onkoloolessa 19,2022)

Godina Wallagga lixaa aanaa Mana Sibuu keessatti waraanni Bilxiginnaa isa duraa caalaa hidhaa fi ajjeechaa jabeessuun hawaasa nagaa taa’uuf ka’uu dhorkaa jiraachuu maddeen SQtti himan.

Akka maddeen keenya jedhanitti, waraana bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jechuun namoota sadii onkololessa 16, 2022 ganama badii tokko malee Hospitaala Mandii keessaa baasuun ajjeessuu isaanii nuuf himan.

Namoota sadan waraana bilxiginnaa kanaan ajjeefaman keessaa kan hanga oduu kana qindeessinetti maqaa arganne Yohaannis Gabayyoo fi Muzayyeen Waggaa kan jedhaman yoo ta’u, erga ajjeesanii daandii cirracha gurraachaa irratti gatanii booda reeffi isaaniis akka hin kaane dhorkan jedhu.

Gama biraan ammoo hidhaafi doorsisnis aanaadhuma Mana Sibuu kana keessatti hammaachaa akka jiru maddeen nuuf ibsan. Haaluma kanaan shamarree tokkoo fi dhiira afur, kan yeroof maqaan isaanii adda hin bahiin daannoo isaanii keessatti hidhuun gidirsaa jiraachuu odeeffanneerra.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *