Ummata buqqaafame osoo rakkoo hin furin bakkatti deebisuuf dirqisiisuun, mirga namoomaa sarbuudha jedhe OLLAA’n

Ummata buqqaafame osoo rakkoo hin furin bakkatti deebisuuf dirqisiisuun, mirga namoomaa sarbuudha jedhe OLLAA’n

(SQ-Gurraandhala 26,2022)

Oromiyaa Lixaatti namoonni Gareen Milishaa Amaaraa Qe’ee isaaniirraa buqqise bakka Waldaan Fannoo Diimaa gargaaru irraa humna mootummaatiin buqqaafamaa jiraachuun himame.

Abdulloo Yuuyyaa manguddoo ganna 60ti. Maatiin Abdulloo Wallaggaa bahaa Aanaa Sibuu Siree jiraatu turan.

Waldaan Advokasii Oromoo OLLAA (Oromo Legacy Leadership & Advocacy Association) jedhamu ragaa gahaan qaba jedhee akka ibsutti, maatiin Abdulloo Yuuyyaa Sadaasa darbe humnoota Milishaa Amaaraatiin qe’ee isaaniirraa buqqaafamaniiru.

Haleellaa walitti aansee Aanaa Sibuu Siree tureen, Aanicharraa namoonni kuma 14 caalan buqqafamuu ragaaleen dhiyoo ni agarsiisu. Haleellaa kanaan Qe’een maatii baayyee kan gubate yoo ta’u, qabeenyi hedduunis saamameera.

Abdulloo Yuuyyaafi maatiin isaa namoota buqqaafaman kan biroo waliin achuma ganda kan biraa keessatti Waldaa Fannoo Diimaa Itoophiyaatiin gargaaramaa turan jedha OLLAA’n. Haata’uu malee Humnoonni Mootummaa bakka qubatan kanaas osoo haalli tasgabbaa’aan hin uumamin gara qe’ee irraa buqqaafamanitti deebi’an dirqisiifamaniiru.

Maatiin Abdulloo Yuuyyaa humnoota milishaa finxaaleyyii Amaaraan qe’een jalaa gubatee fi qabeenyi jalaa saamame Ganda irraa buqqa’anitti deebi’uuf wabii nagaan jiraachuu hin qaban. “Deemaa galaa Shanee lolaa” jedhuun. Dhiibbaa kanaan kan rakkate manguddoon ganna 60 Abdulloo Yuuyyaa lafa Dawoo Waldaa Fannoo Diimaa keessaa gara Adaamaatti godaane,jedha gabaasi OLLAA’

Abdulloon qe’ee fi qabeenya qofa osoo hin taane maatiisaa jaha irraa adda bahee Adaamaa Masjiida tokkotti dahatee jiraachaa akka jiru hime.

Buqqaafamuun Abdulloo Yuuyyaa kun qajeeltoo mirga namoomaa idil addunyaa kan sarbedha kan jedhu OLLAA’n namoota sababa garagaaraan biyya keessatti qe’eesaaniirraa buqqaafamanii jiran humnaan qe’eetti deebisuuf dirqisiisuun mirga namoomaa isaanii sarbuudha jedhe.

Bakka jiranitti nageenyaan turuu, bilisummaan socho’uu, maatii ofiin walitti deebi’uu fi qubsiifamuuf mirga qabu.

Mootummaan ammoo, Manguddoo kana dabalatee maatii sababa kanaan faca’e walitti deebisuuf gaafatamummaa qaba

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *