Baalee Bahaatti, dhibeen gifiraa lubbuu namootaa galaafate.
(SQ-Hagayya 23,2022)
Goodina Baalee Bahaatti dhibee gifiraa mudateen yoo xiqqaate lubbuun namoota shanii darbee 348 kan ta’an irratti ammoo dhibeen kun mul’achuu BBCn Waajjira Fayyaa godinichaarra odeeffateera.
Dhibee kana daran hammaataa kan taasiseefi akka namoonni hin dandamanne kan taasise ammoo hongee godinichatti mudateen hanqina nyaataa uummanni gonichaa keessa jiru akka ta’e ogeessonni himaniiru.
Dhibeen gifiraa godinichatti mul’ate ammatti aanaalee godinichaa afur: Sawweenaa, Raayituu, Gololchaa fi Laga Hidhaa keessatti gandoota 23 keessatti argamuu Itti gaafatamaan Waajjira Fayyaa godina Baale Bahaa Obbo Xilaahun Takkaa BBCti himaniiru.
“Kan Laga Hidhaa fi Gololchaa gara to’atamuutti deemeera. Garuu naannoo Sawweenaa fi Raayituu irratti keessattuu Sawweenaa irratti gara gandoota 12 keessatti faca’eera” jedhan.
Dhibichi aanaa Sawweenaa keessatti gandoota baay’ee keessatti faca’uunsaa haala teessuma lafaa aanichaan ida’amee ogeeyyiin fayyaa hawaasa bira gahuuf qormaata itti ta’uus dubbatan.
Sababa dhibichaan hanga ammaatti lubbuun namoota shanii darbuu kan himan qondaalichi, namoota dhibichi irratti argame 348 keessaa namootni 202 wal’aansi taasifameefii fayyuu himan.
Namootni lakkoofsaan 80 ta’an immoo yeroo ammaa yaalarra kan jiranidha jedhan.