Dhaabbatni Mirga Namoomaa Itiyoopiyaa hoggantootni ABO mana hidhaa jiran akka hiikaman gaafate

 

Qeerroo Intelligence Group!:
Waajjira ABO Damee Finfinnee:

Mootummaan Itoophiyaa hogganoota ABO mana hidhaa jiran akka hiiku Dhaabbanni Mirga Namoomaa Human Rights Watch gaafate.

Waggoota sadii oliif mana hidhaa keessa kan jiran hogganoonni ABO namni torba akka lakkifaman Human Rights Watch mootummaa Itoophiyaa gaafateera. “Sababa hirmaannaa siyaasaa isaaniif qofaaf hogganoota ABO qabee dararaa kan jiru mootummaan Itoophiyaa, hatattamaan lakkisuu qaba” jechuudhaan ibsa Adoolessa 24/2023 baase keessatti gaafatee jira. Mootummichi hidhaa seeraan alaa kanaan sirni haqaa biyyattii gaaffii jala akka seenu taasisuus ibseera.
Poolisiin Oromiyaa hogganoota qabsoo Oromoo mirga hiree murteeffannaa sabichaaf qabsaa’an hidhee akka jiru kan ibse HRW, hogganoota ABO nama 7 kan manni murtii yeroo adda addaatti bilisaan lakkise mootummaan Itoophiyaa qabee ukkaamsee kaa’uu eeree, “hogganoota kana hidhuuf bu’uura seeraa tokkollee dhiyeessuu hin danda’an” jedheera.
Human Rights Watch’tti itti aantuun daayirikeeraa damee Afrikaa Letishiyaa Abader, “mootummaan Itoophiyaa hogganoota paartii siyaasaa Oromoo kana bifa gara jabinaan guutameefi adeemsa seeraa malee yeroo dheeraaf hidhee kaa’uun adeemsa sirna haqaa Itoophiyaa irratti balaa kan fidudha” jettee, “mootummaan Itoophiyaa hogganoota kana hatattamaan hiikee hidhaan seeraan alaa akkasii meeshaa siyaasaaf kan hin fayyanne ta’uusaa mirkaneessuu qaba” jeteetti.
Human Rights Watch dabalatee dhaabbileen mirga namaaf falman kan biyya keessaafi addunyaalessaa hidhaa seeraan alaa Itoophiyaa keessatti sababa ilaalcha siyaasaatiin raawwatamu waggoota soddomman darbaniif balaaleffachaa turaniiru. “Bara 2018 keessa waadaan jijjiiramaa seenames hanqinootaafi qaawwaalee jiran duuchuu hin dandeenye” jedha gabaasni kun.
Human Rights Watch gabaasa namoota adda addaa 9, abbootii seeraa, hogganoota ABO, ragaalee mana murtiifi ragaalee mana yaalaa wabeeffatee baase kanaan mootummaan Itoophiyaa hogganoota ABO kana hidhe irra deddeebiidhaan adeemsa seeraa cabsuusaa, dirqamsiisee dhoksuusaa, torbanoota ykn ji’oota dheeraaf abukaatoofi maatii isaanii akka hin argine gochuusaa, fedhii isaanii malee manneen hidhaa adda addaarra naannessee dararuusaa akka mirkaneeffate ibsee jira.
Qaamoleen nageenyaa mootummaa bara 2020 baatii Guraandhalaa gara dhumaa miseensa Shanee Gumii ABO obbo Abdii Raggaasaa magaalaa Finfinnee keessaa qabee hidhuudhaan magaalaa Buraayyuu geessee ergasii booda baatii lamaa oliif ukaamsee eessa akka jiran wallaalamee kan ture boodarra kaampii waraana humna Addaa Oromiyaa magaalaa Galaan jiru geessuudhaan baatiiwwan saddeetiif achitti akka dararaa turan gabaasni Human Rights Watch kun ni ibsa. Hogganoonni dhaabichaa namni 6 (Lammii Beenyaa, Mikaa’el Booran, Kennasaa Ayyaanaa, Gadaa Gabbisaa, Gadaa Oljirraafi Daawwit Abdataa) ammoo ajjeefamuu Haacaaluu Hundeessaa hordofee erga qabamanii hidhamanii manneen hidhaa 14 ta’anirra naanneffamaa turuu gabaasa kana keessatti eerameera.
Hogganoonni kun yeroo adda addaatti mana hidhaarraa baafamanii maatii fi abukaatoo jalaa dhokfamuu miseensota maatii hidhamtootaa dubbisee mirkaneeffachuusaa kan hime HRW, “namni to’annoo mootummaa jala jiru tokko eessa akka jiruufi haala kamirra akka jiru dhoksuun seera idil-addunyaa dhimma ukaamsuufi dhabamsiisuu ilaalchisee ba’e faallessuufi sarbama mirga namoomaa isa olaanaa raawwachuudha” jedheera.
Manni murtii Federaalaafi kan Oromiyaa hidhamtoonni kun hunduu akka hiikaman ajajanis, warri isaan hidhe garuu ol iyyannoo fudhachuudhaan ajaja mana murtii kufaa godhanii turan. Sadaasa 2021 haga Amajji 2022 gidduutti abbaan alangaa Oromiyaa himata obbo Mikaa’el Booran, obbo Kennasaa Ayyaanaa fi Gadaa Gabbisaa addaan kutee tureera. Haata’u malee hundi isaaniiyyu himata malee hidhamaa jiru. Inumaayyu Dr Gadaa Oljirraa al tokkollee himanni irratti dhiyaatee hin beeku.

Miseensi Shanee Gumii ABO obbo Abdii Raggaasaa jalqaba yakka ajjeechaan himatamee yakka sanarraa bilisa erga jedhamee booda, Qunnamtii Teelee waliin dhahuufi yakka shororkeessummaan himatamee manni murtii Oromiyaa Waxabajji 14/2021 bilisaan akka lakkifamu murteessus mana hidhaarraa utuu ba’aa jiruu irra

deebiin humnoota nageenyaa mootummaan ukkaamfame. Ergasiis manni murtii akka gadhiifamu ajajee qaamni hidhe garuu ajaja mana murtii didee mana hidhaatti ukkaamsee kaa’eera” jedha gabaasni kun.
Hogganoonni ABO kunniin murtii tokko malee waggoota sadii oliif mana hidhaa turanii ammas achumatti dararamaa jiru.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa yeroo adda addaatti baaseen hogganoonni ABO kun adeemsa seeraa tokko malee dabaan hidhamanii akka jiran ibsee, mootummaan isaan hidhe akka lakkisu gaafataa tureera.
Mootummaan Itoophiyaa hidhamtoota kana mana hidhaa keessattuu dhukkubsatanii akka hin yaalamne gochuu, maatiifi abukaatoo jalaa dhoksuu isaatiin seera addunyaalessaa chaartera Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti tumamaniifi qabiinsa mirga namaa ilaalchisee seerota ba’an cabsaa jiraachuusaas Human Rights Watch gabaasa isaa kanaan irra deddeebi’ee hubachiiseera. Namoota mana hidhaa keessatti dararamanii miidhaan adda addaa irra ga’eef mootummaan Itoophiyaa beenyaa kaffaluu akka qabus akeekeera.
Mootummaan Itoophiyaa seera ofiisaa tumatee jiru kan olaantummaa seeraa kabajuufi kabachiisuu ilaallatu ofumaa cabsaa akka jiru kan hubachiise gabaasichi, ajaja mana murtii kabajuufi kabachiisuun dirqama mootummaa akka ta’e yaadachiiseera. Ministeerri haqaas poolisiifi abbaan alangaa dirqama seera kabachiisuu qabaniin qaamota olaantummaa seeraa kabajuu didanii hogganoota kana hidhanii jiran gaafatama akka taasisu HRW gaafateera.
Mootummaan Itoophiyaa hatattamaan hogganoota ABO hidhee jiru kana akka hiikus irra deebi’ee gaafateera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *