ABOn Hundeeffama Waggaa 50ffaa ilaalchisee ibsa kenne

Hundeeffama ABO waggaa 50ffaa ilaalchisee ABOn ibsa Miidiyaaleef kennan

Hayyu Dureen ABO J/Daawud Ibsaa guyyaa har’aa Waxabajjii 23, 2023 ibsa Ibsa Miidiyaaleef kennaniin Ummata Oromoo hundaaf, akkasumas miseensota ABO fi qabsaawota Oromoo maraan baga hundeeffama waggaa 50ffaa ABO geessan jedhan.

Addi Bilisummaa Oromoo-ABOn bara 1973 baatii Adoolessaa keessa sochii Waldaa Maccaa fi Tuulamaa godhaa ture keessaatti  Hundeessitoota ABO jalqabaa kanneen akka Baaroo Tumsaa, Magarsaa Barii, Gadaa Gammadaa warreen lubbuun darban akkasumas kanneen amma lubbuun jiran hedduun hundeeffamuu ibsan.

ABOn sirna Cunqnursaa jaarraa tokkoo fi walakkaaf ummata Oromoo irra ture xumura itti gochuuf waggaa 50 dura dhaaba jabaa gaaffii Oromoo fi Oromiyaa cululeessee gaafatuu fi deebii humnaanis ta’u karaa siyaasaa argachuuf siyaasaa fi hidhannoon qabsootti seene ta’uu H/Dn ABO Jaal Daawud Ibsaa dubbataniiru.

ABO erga hundeeffamee eegalee haga har’aatti Seenaa qabsoo Oromoo ammeeyyeessuu, gaaffii Oromoo faffacaatiin ture qindeessee, gaaffiin kunis maal akka ta’e fi maal argachuuf akka Oromoon qabsaa’u kan ifa baase dhaaba siyaasaa Oromoo jalqabaa ta’uu Jaal Daawud Ibsaa addeessaniiru.

Imala haga har’aa ABO imalee as ga’e keessatti ABOn wayita qaamota qabsoo isaa keessatti isa tumsan hunda galateeffatu, addatti Qote bulaa Oromoo waggoota 50 darban kana keessatti aarsaa hedduu kafalan, Barattoota Oromoo, Haayyotaa fi Qabsaa’ota Oromoo hundaa ABO waliin aarsaa kafalaa turan mara kan galateeffatu ta’uu H/Dn ABO Jaal Daawud Ibsaa ibsaniiru.

Miseensotaa fi Qabsaa’oota Dirree qabsoo fi siyaasaa keessatti wareegama baasan hundumaaf ABO galataa bara baraa kan galchu ta’uus ifoomsan.

Jireenya ABO har’aaf aarsaa kan kafaltan,  ABOn waggaa 50 ga’uu isaaf Lafee fi Lubbuu warri itti gabbartan baga gammaddan, baga geessan jechuun hundeeffamuu Waggaa 50ffaa ABOf ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

ABO Haqaa fi haqaan hojjechuun, gaaffii siyaasaa keessatti Hireen Oromoo akkaataa isaaf malutti gaaffii siyaasaa siyaasaan furuutti amanee qabsoo isaa kan jabeessu ta’uus waytuma kana hubachiisaniiru.

Haala Hoggantoota ABO mana hidhaa jiranii irratti kan ibsa kennan J/Daawud, bakka jirtanitti Baga Waggaa 50ffaa hundeeffamuu dhaaba keessan ABO geessan jedhaniiru.

Bu’aan wareegama waggoottan 50 ABOn baase as ga’e bu’aa Ummatni Oromoo har’a irra ga’ee fi Muuxannoo Qabsa’oonni Oromoo haga har’aatti dabarsan hundi daandii qabsoo injifannoon haga har’aa deemee as ga’ee ta’uus yaadachiisan.

Koreen Qindeessituu Ayyaana Waggaa 50ffaa ABO J/Alamaayyoo Diroos gama isaaniin  Adoolessa 1, 2023 irraa qabee sirni hundeeffama ABO waggaa 50ffaa ifatti kabajamuu kan eegalu ta’uu har’a Waxabajjii 23, 2023 ibsa miidiyaaleef kennan irratti ifoomsaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *