Waraanni mootummaa Namoota 8 manaa gadi baasuun bakka tokkotti rashane

#Oduu_Gaddaa

Shaggar kibba lixaa Aanaa Qarsaa Maallimmaatti waraanni mootummaa namoota 8 bakka tokkotti rashane.

Kibba Lixa Shaggar aanaa Qaarsaa Maallimmaa ganda Gibbisoo keessatti waraanni pp gara jabinaan namoota nagaa manaa gadi baasuudhaan namoota 8 iddoo tokkotti halkan Waxabajji 22, 2023 haala suukanneessaa taheen ajjeesuun dhagahame.
Akka maddeen naannichaa nuuf dhaamanitti namootni waraana mootummaa biyya bulchuun manaa gadi baafamuun rashanaman tarrisni maqaa isaanii kanneen armaan gadiiti.

1. Takiluu Mokonnin
2. Tsaggaayee Mokonnin
3.Fissahaa Mokonnin
4. Abbabaa Tasammaa
5. Kafanii Mul’ataa
6. Damisuu Takkuu
7. Abbonaa Dassee fi
8. Habtaamuu Naggasaa kanneen jedhaman tahuu beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *