Horroo Guduruu walllaggaa aanaa Guduruutti waraanni mootummaa dargaggoota 5 rasaasaan ajjeese.

Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Guduruu keessatti waraanni mootummaa dargaggoota 5 rasaasaan ajjeese.
Oromiyaa bakkoota adda addaa keessatti ajjeechaan waraana mootummaa biyya bulchuun ilmaan oromoo guyyaa irraa gara guyyaatti rasaasaan ajjeefamaa jiru.
Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa waxabajji 25/2023 Godina Horro Guduruu wallaggaa Aanaa Guduruu Ganda Tulluu Habibii jedhamutti waraanni mootummaa dargaggoota ol adeemoo 5 rasaasaan ajjeesuu maddeen naannichaa nuuf gabaasaniiru.
Akka maddeen naannichaa nuuf himanitti dargaggoota ajjeechaan irratti raawwatame keessaa dargaggootni lama obbolaa Maatii tokko keessaa akka tahes nuuf himaniiru.
Dargaggoota rasaasa waraana mootummaa irraa itti dhukaafameen ajjeefaman kunneen maqaan isaanii:
1, Warquu Tayyee
2, Gammee Maammoo
3,Nagaroo Jabeessaa
4, Fayisaa Tashoomaa
5, Eliyaas Tashoomaa kanneen jedhaman yoo tahu Eliyaas tashooma afi Fayyisaa Tashoomaa obbolaa lameen maatiin tokko ijoollee isaa rasaasa waraana mootummaan dhabe tahuunis beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *