Hawaasni Oromoo Biyya Kanaadaa Magaalaa Edmantan keessa jiraatu Yakka Mootummaan Bilxginnaa Oromoofi Lammilee Oromiyaa irratti Raawwataa Jiru Balaaleffatan.
(SQ- Caamsaa 21, 2022)
Lammiileeen Oromoo Kanaadaa magaalaa Edmantanitti hiriira gaggeessan kunneen, Mootummaan Kanaadaa duula duguuggaa sanyii fi hiraara suukaneessaa sirna Bilxiginnaa Abiyyi Ahmadiin ummata Oromoo irratti raawwataamaa jiru akka dhaabsisu gaafatan.
Gochaa humnoota finxaaleyyii Amaaraa Faannoo fi humnoota hidhattootaa mootummaa Itoophiyaan bobbaafamaniin qindoominaan raawwatamaa jiru cimsanii akka morman sagalee isaanitiin ibsanii, lolli saba Oromoorratti baname akka dhaabbatuuf hawaasni addunyaa yeroon tarkaanfii akka fudhatus dhaammatan.
Dacheen Oromoo qircannaa fi gurgurtaaf dhiyaatuu ni balaaleffanna kan jedhan hiriirtonni magaalaa Edmantanitti sagalee mormii dhageessisan kunneen, haqni Oromiyaa keessatti hin mirkanoofne Itoophiyaa keessa jiraatuu hin dandahu jedhan.
Qindeessitoota fi hirmaattonni hiriirichaa dhaamsa dabarfataniin Oromoon balaa ulfaataa irra gahaa jiruu fi gaagaโama caaluuf isa saaxiluuf itti deemaa jiruuf furmaanni qabu, irree isaa jabeeffatee qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn gaggeeffamaa jiru diinagdee fi waan dandahu maraan cinaa dhaabbachuu dha jedhan.