Finxaaleyyiin Amaaraa fi Gurmuun Baaldaraas Manneen Barnootaa magaalaa Finfinnee keessa mallattoon Oromummaa jiraachuu hin qabu jechuun hookkara uumuu itti fufan.
(SQ-Caamsaa 21,2022)
Tibba kana finxaaleyyiin Amaaraa Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Eekkaa aanaa 12ffaatti mana barnootaa jeeqanii barumsa gargar citee turuun ni yaadatama.
Haaluma kanaan caamsaa 19/2022 sababa rakkoo kanaatiin mana Barumsaa Kolfee sadarkaa 2ffaa keessatti jeequmsi ka’uudhaan, sagantaan barnootaa addaan citee ture.
Hooggantoonni Baaldaraas mooraa mana barnootaa sana akkuma qaqqabaniinis, barattoonni muraasni daree barnootaa keessaa yaa’uudhaan alaabaa Oromiyaa buusanii ciruu maddeen nuuf himan.
Haaluma wal fakkaatuun mana barumsaa Maskaram 21 kan kutaa Magaalaa Addis Katamaa jedhamu keessatti argamuttis, rakkoon wal fakkaataan uumamee turuu odeeffanneerra.
Humni ijaarame kan maqaa Baaldaraasiin of waamu fi finxaaleyyiin Amaaraa biroon, gara mooraa mana barumsichaa dhaquudhaan Barjaa (taappellaa) afaan Oromoo dhaabbate jiru jigsanii jirus jedhu maddeen keenya.