Paarlaamaan Gamtaa Awurooppaa kabaja Mirga Namoomaa Itoophiyaa rratti wixinee furmaata jedhe dabarse

Paarlaamaan Gamtaa Awurooppaa Kabaja Mirga Namoomaa Itoophiyaa rratti wixinee furmaata jedhe dabarse

(SQ-Onkoloolessa 7,2022)

Paarlaamaan Gamtaa Awurooppaa kabaja mirga namoomaa ilaalchisee murtoo furmaataa [Resolution] sadii Itoophiyaa, Haayitii fi Maayinamaar ilaalchisuun dabarse.

Paarlaamichi ibsa Fulbaana 06,2022 baaseen waraanni naannoo Tigiraayii fi naannoolee ollaa keessatti gaggeeffamaa jiru hatatamaan dhaabbatee karaan deeggarsi namoomaa ittiin ummata qaqabu akka saaqamuuf gaafate.

Parlaamichi naannolee waraanaan miidhaman kanneen keessatti deeggarsi namoomaa itti fufinsaan dhiyaachuu akka qabu ibsuun, nageenyi dhaabbilee naannicha keessa socho’anii eegamuu akka qabu ibse.

Dhiheenya kana hojjattoonni dhaabbilee namoomaa naannoo Tigraay keessatti torbanootaaf karaa bahan dhabuun danqamanii turan bahuun gabaafamunsaa ni yaadatama.

Itti dabaluunis paarilaamichi haleellaa namoota nagaarratti qaamoolee hundaanuu raawwatu balaaleffateera.

Mootummaan Itoophiyaa TPLF ijoollee umuriinsaanii waggaa 18 gadi ta’an waraanaaf filu jechuun himataa ture. Paarlaamaan Awurooppaa kunis gabaasa ijooleen waraanaaf filamu jedhu balaaleffateera.

”Tahe jedhanii namoota nagaa irratti qiyyeeffachuu, ijoollee waraanaaf filuu fi leenjisuun yakka waraanaa fi namoomaa irratti raawwatudha,’’ jedhe.

Dabalataan naannoo Tigiraay keessatti sababa waraana Kanaan ijoolleen ganna shani gadii sadii keessaa tokko, walakkaa dubartoota ulfaa fi harma hoosisan hanqina nyaata madaalamaaf saaxilamaniiru jedhe. Ijoolleen waliigalaan gara miliyoona 1.39 ta’an carraa barnootaa hin argatiin jirus jedhe.

Wixineen furmaataa paarlaamichi dabarse kunis waraanichatti xumura gochuuf tarkaanfii dippilomaasii kamiyyuu akka deeggaru ibse.

Mariin nageenyaa kun Gamtaa Afrikaa jalatti gaggeefamuu isaa deeggaruun Manni Maree Nageenyaa UN rakkoo naannoo Tigiraayiif furmaata waaraa kennuu dhabuu isaan akka gadde ibseera.

Dhumarratti deeggarsi namoomaa danqaa malee akka dhaqabu gochuuf, nageenya lammiilee nagaa mirkaneessuu fi sarbama mirga namoomaa idil-adunyaa dhaqabu dura dhaabbachuu fi tarkaanfii barbaachisu akka fudhatu ibse.

Gamtaan Afriikaa qaamolee wal waraanaa jiran Mootummaan federaalaa fi humnootiin TPLF gara marii nagaatti akka deebi’aniif torban darbe keessa xalayaa barreesseera.

Mootummaan Itoophiyaa fi TPLF waamicha marii nageenyaa kana simachuu isaanii ibsaniiru. Mariin kun Afrikaa Kibaatti dhuma torban dhufuutti gaggeeffama jedhamee eegama.

Haata’u malee Itoophiyaa keessatti waraanni kaaba biyyattiitti qofa osoo hin taane naannoo Oromiyaa keessatti humnoota WBO fi humna nageenyaa mootummaa gidduutti erga jalqabee bubbuleera. Namoonni kumaatamni qe’ee isaanii irraa buqqa’uufi lubbuu dhabuufis sababa ta’eera.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa waggoota lama dura eegale lubbuu namoota kumaatamaa galaafachuun miliyonota ammoo qe’ee irraa buqqiseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *