Komishiniin Gamtaa Afrikaa Miseensoota gumii marii nagaa mootummaa Itoophiyaa fi TPLF ifa taasise.

Komishiniin Gamtaa Afrikaa Miseensoota gumii marii nagaa mootummaa Itoophiyaa fi TPLF ifa taasise.

(SQ-Onkoloolessa 7/2022)

Komishiniin Gamtaa Afriikaa (AUC) miseensoota gumii olaanaan mariin nagaa mootummaa Itoophiyaa fi humnootii Tigraay jidduutti Afriikaa Kibbaatti gaggeeffamuf jiru gaggeessanii ifa taasise.

Dura ta’aan Komishinichaa Mahammat Musaa Faakii, ibsa Onkolooleessa 6, 2022 baaseen akka jedheetti, miseensoonni gumii olaanaa kunis namoota Afriikaa kanneen maqaa gaarii qabaniif beekamoo kan haammatee fi itti yaadamuun marii nagaa Itoophiyaa kana qofaaf kan walitti qabamaniidha.

Haaluma kanaanis, miseensoonni gumii marii nagaa kanaa Gaanfa Afriikaatti Bakka Bu’aa olaanaa Gamtaa Afriikaa fi pirezidaantii Naayijeeriyaa duraanii, Oluseeguun Obaasaanjoo dabalatee, pirezidaantii duraanii Uhuruu Keeniyaataa fi Ittaanaa pirezidaantii Afriikaa Kibbaa duraanii fi miseensa gumii gamtichaa, Dr Phumzile Mlaambo-Ngcuka fa’iin akka hogganamu ifa taasiseera.

Gamtaan Afriikaa xalayaa affeerraa marii guyyoota muraasaan dura mootummaa Itoophiyaatiifi aanga’ootta naannoo Tigraayiif erge hordofee, mootummaan Itoophiyaa fi humnootiin TPLF waamicha marii dhiyaateef simachuu ibsuun isaanii ni yaadatama.

Komishiiniin Gamtaa Afriikaas ibsa isaa ammaa kanaan kutannoo gareewwan lamaan waldhabdee jidduusaanii karaa mariitiin furuudhaaf taasisan simachuu ibseera.

Komishinichi dabalunis, muxannoo bal’aa fi dandeettii hooggansaa addaa miseensoonni gumichaa qaban paartiilee lameen jidduutti marii ijaaraa fi gara waraana Kaaba Itoophiyaa mariidhaan furuutti geessuu akka qaban amantaa qabaachuu ibseera.

Akkasumas qaamooleen lameen ummata Itoophiyaa hundaa fi naannoo Gaanfa Afriikaa guddichaaf jecha nagaadhaaf carraa akka kennaniif waamicha taasiseera.

Mootummaan Itoophiyaa fi hunmootiin Tigraay maqaa namoota bakka isaan bu’un marii nagaa irratti hirmaatan ifa taasisuun isaanii ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *