TPLF fi Mootummaab Bilxiginnaa affeerraa marii nagaa Gamtaa Afrikaan dhihaate fudhachuu ibsan.

TPLF fi Mootummaab Bilxiginnaa affeerraa marii nagaa Gamtaa Afrikaan dhihaate fudhachuu ibsan.

(SQ-Onkoloolessa 6,2022)

Gamtaan Afrikaa mariin nageenyaa akka eegalamuuf qaamolee walwaraaniif xalayaadhaan waamicha dhiheessuu hordofee mootummaan Itoophiyaa affeerrichi akkaataa fedhii mootummaatiin ta’uu ibsuun simateera.

Erga mootummaan Itoophiyaa affeerraa kana fudhachuu ibdee booda ibsa kan baase TPLF gamasaan, marii araaraa Sanbattan dhufu Afrikaa Kibbaatti adeemsifamu irratti hirmaachuuf qophii tahuu himeera.

Pireezidantiin Naannoo Tigraay Dabiratsiyoon Gabramikaa’el xalayaa Komishinarii Komishinii Gamtaa Afrikaa Musaa Faakiif barreessaniin, ‘’waraana kana karaa nagaan furuuf qophii dha,’’ jedhan.

TPLF ibsa Fulbaana 11,2022 baaseen lolli hatattamaan dhaabbatee gara mariitti akka adeemamuuf gaafachuusaa yaadachiiseera.

Kanaanis Gamtaan Afrikaa ‘’lolli dhaabbachuu qaama ajandaasaa akka godhatu,’’ TPLF gaafateera.

Garee marii kanarratti hirmaatu gara Afrikaa Kibbaa erguuf qophii tahuu ibsuun booda TPLF dhimmooti ifa hin taane jiraaachuu himuun gamticharraa ibsa gaafateera.

‘’Mariin kuni milkaa’inaan akka jalqabuuf qaamoti biroo akka hirmaatan,’’ baruu akka fedhu ibse.

Kunis hirmaachuu,’’ taajjabdootaa akkasuma gaheen hawaasa addunyaa maali?’’ kan jedhu gareen TPLF ibsa kanarrtti dhiyeesseera.

Mootummaan Itoophiyaas marii nagaa waraana kaabaaa Itoophiyaatti humnootii Tigraay waliin gara waggaa lamaatiif gaggeeffame karaa marii nagaatiin furuuf Gamtaa Afriikaan waamicha dhiyaateef fudhachuu beeksiseera.

Gamtaan Afriikaa qaamolee wal waraanaa jiran Mootummaan federaalaa fi humnootiin TPLF gara marii nagaatti akka deebi’aniif torban darbe keessa xalayaa barreessuun barameedha.

Mootummaan Itoophiyaa ibsa karaa Tajaajila Komuunikeeshinii Mootummaatiin baaseen, qaamooleen marii nagaa kana hoogganan, guyyaafi eddoon marichi itti gaggeeffamu ibsamuun waamichi akka dhiyaateef himeera.

‘‘Mariin nagaa kun jaarsummaa Gamataa Afriikaa qofaaniifi haal-duree tokko malee akka gaggeeffamu mootummaan ejjannoosaa ibsaa turuun ni yaadatama’’ jedheera ibsichi.

Kanaan dura humnootiin TPLF gama isaanitiin marii nagaatiin wal dhabdee jiru furuudhaaf qophaa’ee ta’uusaanii ibsuun ni yaadatama.

Wayita TPLF haleellaa qilleensarraaf Ertiraa fi Itoophiyaa himataa jirutti UN hojjettoonnisaa Tigraay keessaa ba’uu ibse

Mootummaan Itoophiyaa ibsa Roobii Onkolooleessa 5, 2022 baasee kanaan, ‘‘Walitti bu’insicha furuudhaaf tarkaanfiiwwan furmaataa gosa kamuu fudhachuudhaaf sochaa turuunsaa kan yaadatamu yoo ta’u, ammas cimsee kan itti fufuu ta’e jechuun’’ marii nagaatiif qophii ta’u ibseera.

Rooyitarsi maddeen dippiloomasii wabeeffachuun akka gabaasetti, mariin kun dhuma torbee kanaarratti Afrikaa Kibbaatti eegalamuuf karoorfame.Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Redwaan Huseen, mootummaan marichi haal-duree malee akka eegalamu duraanuu ejjannoo agarsiisaa waan tureef amma affeeraa dhihaate ni simata jechuun tiwiitara isaaniirratti barreessan.

Xalayaa waamichaa Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahamatiin mallattaa’uun Onkolooleessa 1, 2022 bahe irratti akka caqafameetti, mariin marsaa tokkooffaa Dilabata Onkolooleessa 8, 2022 Afriikaa Kibbaatti eegalama.

Maddi Oduu Rooyitarsi gamasaatiin madden dippilomaatootaa eeruun, Gmataan Afriikaa dura taa’aa TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliif xalayaa affeerraa erguu gabaaseera.

Affeeerraa jedhame kana ilaalchisees Rooyitarsi dubbi Himaa TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa irraa mirkanneeffachuuf gaaffii dhiyeesseen, waa’ee marii dhiheenyatti gaggeeffama jedhameerratti omaa akka hin beekne ibsuu dabaluun gabaaseera.

Waraanni kaaba Itoophiyaatti waggaa lama dura eegale ji’oota shaniif erga tasgabbaa’ee booda Hagayya darbe keessa bifa haaraan eegale.Waraanni kun akka haaraatti eegaluusaaf mootummaa fi TPLF quba walitti qabu.

Waraana waliinii Kaaba Itoophiyaa karaa marii nagaa furuuf jaarsummaa Oliseegun Obasaanjoo fi marii Gaaddisa Gamtaa Afrikaa jalatti gaggeeffamu didaa kan turan humnoonni TPLF, waraanni bifa haaraan akkuma eegaleen Gamtaaa jalatti mari’achuuf fedha qabaachuu ibsanii turan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *