Addi Bilisummaa Ummata Tigraayi (ABUT) Marii Araaraa Mootummaa PP duukaa ta’u Gamtaa Afrikaa jalatti gaggeeffamu fudhatuun karaa nagaan rakkoo jiru furachuuf qophii ta’uu beeksise.

Addi Bilisummaa Ummata Tigraayi (ABUT) Marii Araaraa Mootummaa PP duukaa ta’u Gamtaa Afrikaa jalatti gaggeeffamu fudhatuun karaa nagaan rakkoo jiru furachuuf qophii ta’uu beeksise.

(SQ Fulbaana 12, 2022)

Addi Bilisummaa Ummata Tigraayi/TPLF walwaraansa mootummaa Bilxiginnaa waliin geggeessaa jirutti xumura gochuuf marii araaraa Gamtaa Afrikaa jalatti geggeeffamu fudhachuun qaamota hogganaa isaa marii kana irratti hirmaata ifa gochuu ibsa har’a Fulbaana 11,2022 baaseen beeksisee jira. Haaluma kanaan Obbo Geetaachoo Raddaa fi Ajajaan waraanaa General Tsaadiqaan Gabratinsayee TPLF bakka bu’uun marii nagaa kana irratti kan argamuuf deeman ta’uu ibsa kana irraa hubatamee jira.

Gama mootummaa Bilxiginnaan hanga ammaati ifatti waan jedhame hin jiru.
Gama biraan haalli waraanaa Oromiyaa keessaa fi akka waliigalaatti ammoo jeequmsi polotikaa biyyattii keessa jiru daran hammaatee wayta jiru kanatti, gar-tokkee qofa irratti fuulleffatuun Gamtaa Afrikaas ta’e hawaasa addunyaa, nagaa, sabatiinsaa fi guddina hawwamu biyyattii keessatti argamsiisuu akka hin dandeenye hayyotnii fi xiinxaltootni haala siyaasa Itophiyaa keessaa itti dhiheenyaan hordofan ammumaa yaada isaanii ibsaa jira.

Rakkoo Kaabaaf furmaata karaa nagaa soquuf ijibbaatuun gaarii ta’uu kan ibsan hayyootni siyaasaa, garuu biyyattii guutuuf nagaa fi sabatiinsi hawwama taanaan naannolee kam irra iyyuu haala Oromiyaa keessaaf xiyyeeffannoon hin kennamu taanaan, dhibdeen siyaasaa Oromoo fi Itophiyaa gidduu furmaataaf hin taa’amu taanaan, Itophiyaa keessatti nagaanii fi sabatiinsi ni argama jedhanii yaaduun bakka loon hin oolin dhoqqee barbaaduu ta’a jechuun akka waliigalaatti rakkoo biyyattii keessaa furuuf furmaata waloof, warra dhimmi ilaalu mara waliin gadi ta’anii mari’achuutu karaa dha jechuun yaada isaanii ibsataa jirna.

Hawaasni addunyaa ulfaatina lolaa fi haala Oromiyaa keessaaf hagas mara gurra kennuufii dhabuu mootummaan Bilxiginnaa akka carraa gaariitti fudhatuun ammallee waraana guddaa ummata Oromoo irratti bobbaasuun gaaga’ama daranii uumuuf ijibbaataa jiraachuun mul’ataa jira. Guyyoota sadan kana bifa haaraan humna waraanaa Daandii Qilleensa Itophiyaan gara Lixa Oromiyaatti guuraa akka jiru mul’ateera; kunis Oromiyaa dirree waraanaa, qe’ee Oromoo caalaatti qe’ee gaddaa fi boo’ichaa gochuuf hojjechaa jira. Kun garuu dhumaatii caalu dhaqqabsiisuun gamatti furmaata waaraa fidu tokkollee hin qabu. Hawaasni addunyaas kana hubatee rakkoo Itophiyaa keessaa akka walootti furuuf hojjechuutu irraa eegama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *