Marii nagaaf waamichi dhihaatee guyyaa lama booda Maqaleen dirooniin haleelamuu TPLF himate

Marii nagaaf waamichi dhihaatee guyyaa lama booda Maqaleen dirooniin haleelamuu TPLF himate

(SQ-Fulbaana 13,2022)

Humnoonni Tigraay kaleessa (Fulbaana 12, 2022) dibaabee Gamtaa Afrikaa jalatti marii nageenyaa gaggeeffamurratti hirmaachuuf qophii ta’uu ibsanii guyyaa lama booda magaalaan Maqalee dirooniidhaan haleelamuu TPLF himate.

Qonddaalli TPLF Geetaachoo Raddaa haleellaan diroonii kun mooraa yuuniversitii irratti kan xiyyeeffateedha jechuun tiwiitarii isaarratti barreesse.

Yuuniversitii Maqaleetti mooraan Adi Haki jedhamu haleelamuu kan ibse Geetaachoon, haleellaa kana ”mootummaa Itoophiyaa fi Ertiraatu raawwatan,” jechuun himate.

Daarekatarri Hospitaalaa Meedikaalaa Ayidar Dr Kibroom Gabrasillaasee haleellaa kanaan hanga ammaa namni tokko mataansaa miidhamee hospitaalasaaniitti yaalamaa jiraachuu hime.

Mootummaan Itoophiyaa himata dhiyaate kanarratti hanga ammaa homaa hin jenne.

Geetaachoo Raddaa turtii BBC sagantaa Newsday waliin taasiseen, ammallee nageenya akka filatan ibse. Waraanni isaanirratti gaggeeffamaa jiraachuus eere.

‘’Nageenyi filannoo keenya dhumaa ta’ee osoo jiruu, rakkoowwan siyaasaa garuu marii siyaasaan furamuu qabu,’’ jedhe Geetaachoon.

Haaldureewwan mariif kaa’atan keessaa tokko ‘’mootummaan fedhiisaa humnaan uummata Tigraay irratti fe’uu akka dhaabuudha,’’ jedha Geetaachoon.

‘’Dantaan uummata Tigraayis kabajamuu qaba, eegamuu qaba. Walabummaa hin sharafamnee fi guutuu qabaachuu qabu. Walabummaan sharafamne fudhatama hin qabu,’’ jechuun ejjennoosaanii ibse.

Waraana kaaba Itoophiyaatti erga deebi’ee ka’ee torban sadi lakkoofsise kana booda humnoonni Tigraay walitti bu’iinsa karaa nagaan hiikuuf qophii ta’uu ibsa gaafa Dilbataa (Fulbaana 11, 2022) baaseen eereera.

Gamtaan Afrikaas humnoonni Tigraay dibaabee gamtichaa jalatti mari’achuuf qophaa’uu simateera.

Kana malees mariif qophaa’uun TPLF kana Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii, US fi Gamtaan Awurooppaa simataniiru, akka adeemsa kana deeggaranis ibsanii turan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *