Du’a Harmee Obbo Baqqalaa garbaa ilaalchisuun KFO’n ibsa Gaddaa baase!
(SQ-Fulbaana 13,2022)
Harmeen qabsaayaa gameessaa fi Itti’aanaa Durataa’aa Paartii KFO Obbo Baqqalaa Garbaa kan ta’an Aaddee Deesituu Faradaa Bulchoo dhukkubsatanii yaaliin gargaaramaa erga turan booda umrii isaanii 89 tti guyyaa kaleessa Fulbaana 12,2022 adunyaa kana irraa du’aan boqatanii jiru. Aaddee Deesituun obbo Baqqalaa dabalatee haadha ilmaan 9 yoo ta’an dubartii jajjaba qabsaayota cinaa dhaabbachuun qabsoo ummata Oromoo deeggaruun beekkamanidha jedha ibsi KFO.
Miseensotaafi deeggartoonni Paartii Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) du’aan boqachu haadha qabsaawaa kanaan gadda cimaa nutti dhagahame ibsina. Kan jedhe KFO’n Kan boqataniif biyyoon itti haa salphatu, lubbuu isaaniis jaannataan haa qananiisu jechaa Obboo Baqqalaa, maatii fi firoottan isaanitiif jajjabina hawwina jedha.
Akka maatii irraa hubannetti sirni awwaalcha haadha keennaa guyyaa har’a Fulbaana 3/2015 ALI Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Boojji Dirmajjii, Magaalaa Bilaa, Waldaa Guutuu Wangeela Heennaatti gaggeeffama.
Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO)
Fulbaana 2/2015 ALI
Finfinnee,Oromiyaa.