๐ต “Doolaara maallaqa biraatiin bakka buusuun waan hin yaadamne; warra kana godhan irratti taarifa 100% nan kaa’a” – Tiraamp
โก๏ธ “Ameerikaan Biyyoota biroo dirqisiisuun doolaara qofa akka fayyadaman gochuuf yaaluun ishee yaada yeroon isaa darbedha” – Raashiyaa
Biyyoonni miseensa BRICS+ Doolaara Ameerikaa dhiisanii maallaqa birootiin daldaluuf yoo murteessan preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp meeshaalee gabaa Ameerikaatti galfaman irratti taarifa 100% akka kaaโan doorsisaniiru.
Tiraamp biyyoonni miseensa BRICS+ doolaara irraa fagaachuuf yaaliin taasisan ”dhumuu qaba” jechuun akeekkachiisaniiru.
”Doolaara maallaqa biraatiin bakka buusuun waan yaadamu miti,” jedhan.
Biyyoonni miseensa BRICS+ ta’an Ameerikaatti ”amala diinummaa” agarsiisuu isaanii himate.
Tiraamp biyyoonni kunneen doolaara Ameerikaa ”guddaa” bakka buusuuf maallaqa haaraa yoo maxxansan ykn maallaqa biraa fayyadamuuf yoo murteessan gabaa Ameerikaa keessaa bahuu qabu jedhan.
Tiraamp biyyoonni BRICS+ doolaara haaraa dhiisanii maallaqa biraatiin daldaluuf yoo murteessan bulchiinsi isaanii meeshaalee tokkoon tokkoon biyyaa gara Ameerikaatti galfaman irratti taarifa 100% akka kaa’u dubbata.
Raashiyaan doorsisa Pirezidaantii Ameerikaa irraa dhufe kanaaf deebii kennitee jirti.
”Ameerikaan biyyoonni biroo doolaara qofa akka fayyadaman dirqisiisuuf yaaluun yaada yeroon isaa darbedha,” jetteetti.
Gareen BRICS+ yeroo ammaa #Itoophiyaa dabalatee biyyoota miseensa 10 keessummeessa.
Dhiibbaa Garee 7 kan biyyoota dhihaa industirii guddatan 6 fi Jaappaan of keessatti hammate ofirraa ittisuuf kan akeekedha.
Miseensonni fi hundeessitoonni BRICS ciccimoon kanneen akka Raashiyaa fi Chaayinaa dhiibbaa doolaarri Ameerikaa gabaa addunyaa irratti geessisu cimsanii qeequ.
Waldaan isaanii gabaa filannoo akka barbaadus cimsanii dubbatu.
Garuu pirezidaantiin Ameerikaa Doolaara bakka buusuun dinagdee Ameerikaa irraa fagaachuu ”ajaa’iba” ta’uu dubbatu.
Odeeffannoon kun kan Dechevalier Telegraph irraa argamedha.