Bu’aa bahii fi wareegama waggoota 5 booda hidhaa irraa hiikaman.
Hoggantooni fi Qondaaltoni ABO waggoota Shanitti hiiquuf haqa dhabanii himata tokko malee manneen hidhaa adda addaa keessatti hidhamanii turan guyyaa har’aa fulbaana 5/2024 mana hidhaa jiran irraa Mirga waliin lakkifaman.
Hoggantootni qondaaltotni ABO manneen hidhaa keessa turan kunneen waggoota shaniif manni murtii irra deddeebiin akka lakkifamaniif gaafatus olaantummaan mana murtii kabajamuu dhabuun Koreen Nageenyaa kan MM Abiyyi Ahimediin hundeeffamee Oromiyaa keessatti bobbaafame President Shimallis Abdiisaan hogganamu hidhee dararaa tureera.
Hoggantootni fi qondaaltotni ABO guyyaa har’aa hidhaa irraa hiikaman akka hiikamaniif qaamoleen hawaasaa adda addaa bifa jaarsummaan MNO gaafataa turanis milkaayuu hin dandeenye ture.
Dhimmi hoggantootaa fi qondaaltota ABO hanga bakka bu’oota Ummataatti dhiyyaatee kan gaafatame tahus qaamni anatu dhimma isaanii of irraa qaba jedhus dhibee hanga guyyaa har’aatti manneen hidhaatti dararamaa qaamaa miidhamaa turaniiru.
Hoggantootni fi qondaaltotni ABO akka mana hidhaa irraa bahaniif ABOn wareegama ulfaataa kan itti kaffalaa ture tahus qaamoleen hawaasaa fi miti mootummaa hedduun dhiibbaa gochaa turaniiru.
Hogganni olaanaa ABO Jaal Abdii Raggaasaa guraandhala 29/2020 mana jireenyaa isaa keessaa kan qabame yoo tahu Hoggantootni fi qondaaltotni biroon ajjeechaa artist Hacaaluu booda kan tohatamanii manneen hidhaa keessa turanidha.
Hoggantootni fi qondaaltotni ABO kunneen haa hiikaman malee dhibee adda addaaf saaxilamuun hanga kiraanchiin deeman irra gahanii dhadhaabbataan bahan tahuunis beekameera.
Hiikamuu hoggantootaa fi qondaaltota ABO har’a hiikamaniif qaamoleen itti dhiyyeenyaan hordofaa turtan galata qabdu jechuun ABOn karaa Dubbii himaa isaa beeksiseera.
Hoggantootni fi qondaaltotni ABO kunneen hidhaa irraa hiikamanis qabeenyaan dhaabichaa kanneen isaan waliin qabame kan akka konkolaataa ammallee mana hidhaa Buraayyuu keessatti akkuma irraa fudhatamanitti jiru.
Manni murtii irra deddeebiin qabeenyaa ABO kan tahan konkolaatota mana hidhaa jiran Sadii akka lakkifamaniif ajaja kennus hin lakkifamiin jiru.