Angawoonni mootummaa Somaaliyaa tokko tokko garaagarummaa Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu jiru bal’isuu gochaa guyyaa isaanii godhataniiru jechuun Itoophiyaan komatte!
‘Bakka bu’oonni mootummaa Somaaliyaa tokko tokko garaagarummaa bal’isuu gochaa guyyuu godhataniiru jechuun Har’a hagayya 30/2024 miidiyaaleef ibsa kan laatan Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasee, waldhabdee tibbana biyyoota lamaan gidduutti hammaachaa dhuferraa Yaaddoo Itiyoophiyaa dubbataniiru.
Hariiroon Itoophiyaafi Somaaliyaa, addatti kan hamamatr xayyaaronni waraanaa Masrii meeshaa waraanaa fe’an jalqaba torbee kanaa Somaaliyaa keessa qubachuunsaanii erga gabaafamee boodadha.
- Waraanni Masirii Somaaliyaa qubachuun wal qabatee Itoophiyaan, mootummaan Somaaliyaa ”qaamolee alaa waliin ta’uun naannicha jeequuf” sochiitti jira jechuun himachaa jirti. Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasee ibsa har’a laataniin, “Mootummaan Somaaliyaa gochaa humnootii fedhii Itoophiyaa morman keessummeessuu akka dhaabu gaafanna” jedhaniiru.
Itoophiyaan ALA 2005 irraa eegalee Somaaliyaan akka biyyaatti akka dhaabbattuuf “aarsaa hedduu kaffaluu” kan himan ministirichi, “Ijoollee keenya dhiirolii fi dubartoota kuma heddun lakka’aman aarsaa goonerra. Wanti qusanne hinjiru: lubbuu, dhiiga, dafqa, humna kennineerra” jedhan Ibsa isaanii keessattis.
Itoophiyaan Ripablika Somaalilaand waliin sanada waliigaltee ulaa galaanaa erga mallatteesiteen booda waldhibdee Somaaliyaa waliin uumame furuuf Keeniyaa fi Tarkii keessatti marii taa’anis falli hin argamiin jiraatus wal dhabdeen yaadaa gara gochaatti akka hin jijjiiramnes sodaa Itiyoophiyaa taheera.