Hiriira mormii bulchiinsa waraanaa Sudaan irratti namoonni sagal ajjeefaman
(SQ-Adoleessa 1,2022)
Hiriira mormii bulchiinsa humna waraanaa Sudaan irratti gaggeeffamaa jiruun lakkoofsi namoota hanga yoonaatti ajjeefamanii sagal ga’eera.Doktaroonni akka jedhanitti namoonni hedduun kanneen rasaasaan rukutamaniidha.
Poolisoonni Sudaan hiriira mormii magaalota biyyattii garaagaraa keessatti dhohe dura dhaabbatanii ittisuuf wayita yaalanitti namootatti dhukaasaa turan.
Ogeeyyiin fayyaa akka dhugaa bahanitti poolisoonni hospitaalota namoonni hiriira mormii irratti miidhaman itti yaalaman weeraruuf yaalaa turan.Ogeeyyii fayyaas sodaachisaa akka turan himan.
Namoonni wayita hiriira mormii ba’anitti daandiiwwan gurguddoo cufanii dhaadannoowwan bulchiinsi humna waraanaa akka aangoo gadhiisu gaafatan hedduu qabachuun sagaleesaanii dhageessisaa turan.
Wayita hiriirtonni masaraa mootummaa magaalaa Kaartuum weeraruuf yaalanitti poolisoonni biyyattii ittisuuf jecha aara imimmaanessu, akkasumas rasaasa namootatti dhukaasaa turan.
Hiriira mormii kanarratti namoonni miidhaman hedduun hospitaalota magaalaa Kaartuum fi magaalaa handaaraa Kaartuum jirtu Omdurman keessatti yaalamaa jiru.
Mootummaan Sudaan osoo hiriirri kun hin eegalamin dura miidiyaa hawaasummaa fi bilbila fayyadamuun namoonni duula hiriira waamuu akka hin gaggeessineef jecha hundumaa cufee ture.
Sudaan erga bara 2019 qondaalli siyaasaa gameessi waggoota 30f biyyattii bulchan warraaqsa uummataan aangoorraa kaafamanii as goolama siyaasaa keessaa guutummaatti baatee hin beektu.
Erga Omar Hasan al-Bashir aangoorraa kaafamanii humni waraanaa aangoo qabatus, yeroo muraasa booda garuu ce’umsa bulchiinsa siiviliin durfamu hundeessee ture.
Onkoloolessa darbe ammoo humna waraanaa bulchiinsa ce’umsaa kana humnaan aangoorraa fonqolchuun teessoo qabate.
Guyyaa sanarraa eegalee hiriirri mormii gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, hiriirri Kamisa kaleessaa- Waxabajjii 30, 2022 gaggeeffame garuu isa guddicha ture.
Hiriirri guddaan kun waggaa sadaffaa guyyaa al-Bashir aangoorraa kaafamaniin walirra bu’e.
Humni waraanaa amma aangoo harka qabu mootummaa uummataa karaa dimokiraasiin filametti aangoo dabarsuuf akka jiru ibsa, garuu goolama siyaasaa amma deemaa jiru goolabuuf mariin nagaa gaggeeffamu bu’aa buuse hin qabu. Daandiin ittiin bulchiinsa waraanaa irraa gara bulchiinsa siiviliitti ce’anis ifaa miti.
Maddi BBC!