Waraanni Bilxiginnaa Godina Kibba Lixa Shaggaritti Uummata Gidirsaa jiraachuun dhaga’ame.

Waraanni Bilxiginnaa Godina Kibba Lixa Shaggaritti Uummata Gidirsaa jiraachuun dhaga’ame.

(SQ-Waxabajjii 30,2022)

Ummanni Godina Kibba Lixa Shaggar Onoota Walisoo, Gooroo fi Wancii waraana mootummaa Bilxiginnaan akka maleetti miidhamaa jiraachuun gabaasamaa jira. Rakkoo hamtuufis saaxilameera jedhu.

Waraanni Mootummaa Bilxiginnaa Onoota kanneenitti maqaa WBO deeggartuu fi maatii keessantu bosona jira jedhuun manneen qonnaan bultoota baay’ee ibidda itti qabsiisuun barbadeessaa jiru; kana malees uummata jala qabeenyi hedduunis saamamaa jira.

Waxabajjii 27/2022 Ona Gooroo gandoota Dibdibbee Abbaadhoo, Cirracha Kadiraa fi Naannoo Tulluu Bidootti waraanni mootummaa Bilxiginnaa manneen qonnaan bultootaa 13 ol gubeera jedhu maddeen naannoo sana irraa. Kaan jalaa ammoo qabeenyi saamamuu addeessu. Ummanni baay’eenis balaa kanaan gara magaala Walisoo fi dhiyeenya jirutti baqachaa jiraachuus himu.

Haaluma wal-fakkaatun guyyaa Waxabajjii 30,2022 waraanni sirna Blixliginnaa Ona Walisoo ganda Abbaadhoo Jawweetti mana Obbo Diriirsaa Bantii jedhaman dabalatee manneen qonnaan bultoota Oromoo 3 gubuu isaanii maddeen dabaluun gabaasaniiru. Kanuma faana qabeenyi qonnaan bultoota kanaa hedduun akka saamames ifoomsaniiru.

Rakkoo ummatni godinoota kanaa waraana mootummaan isaan irra gaโ€™aa jiru sadarkaa hamaatti tarkaanfateera jedhu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *