Ona Jaardegaa Jaarteetti gareen Finxaaleyyii Faannoo jedhamanii fi poolisootni Federaalaa qaama Mootummaa waliin ta’uun hawaasa nagaa irratti haleellaa banuun lubbuu namoota hedduu galaafatan.

Ona Jaardegaa Jaarteetti gareen Finxaaleyyii Faannoo jedhamanii fi poolisootni Federaalaa qaama Mootummaa waliin ta’uun hawaasa nagaa irratti haleellaa banuun lubbuu namoota hedduu galaafatan.

(SQ-Fulbaana 24,2022)

Hidhattootni garee finxaaleyyii Faannoo jedhamanii fi poolisooti federaalaa qaama mootummaa ta’an waliin ta’uudhaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Jaardagaa Jaartee keessatti, addatti ammoo magaalaa Jaardagaa fi naannoo ishee keessatti walitti fufiinsaan guyyoota sadiif ummata siviilii, nagaan hojjetatee jiraatu irratti waraana bananiin yo xiqqaate lubbuun namoota 43 olii ba’uu madfeen keenya SQtti himan.

Sababa Networkiin citee jiruuf malee, haalli Ona Jaardagaa Jaartee keessa jiru haalaan ulfaataa akka ta’ee fi lubbuun Oromoota qulqulluu humna finxaaleyyii Faannoo fi poolisoota federaalaa uffata siviilii uffataniin ba’aa jiru baay’ee akka ta’e himamaa jira.

Magaalaa Jaardagaa qofa keessatti reeffi namoota nagaa 43 ol argamuu odeessi ummata keessaa argame kan ibsu yoo ta’u, reeffi kun hanga ammaa kaasamee akka hin awwalamin illee dhaga’ameera.
Obbo Namuree Hulluuqaa maanguddoo waggaa 50, ilma isaanii umriin 14 waliin,
Aadde Kuulanii Jabeessaa maanguddoo umriin 50
Obbo Gaaddisaa Tolasaa umrii 45, ilma isaa waggaa 10 dabalatee
Obbo Ittafaa Tarrafaa waggaa 40
Obbo Nugusaa Tolasaa maanguddoo waggaa 65
Obbo Habashaa Toleeraa maanguddoo waggaa 65
Obbo Habtaamuu Rabbirraa waggaa 45
Obbo Darajjee kan jedhamanii fi dargaggootni hedduun hidhattoota kanneeniin akka ajjeesaman odeessa arganne irraa hubachuun danda’ameera.

Tarkaanfiin diinummaa ummata nagayaa irratti fudhatamaa jiru haalaan gaddisiisaa dha. Gochi kun gocha abdii kutannaa fi bineensummaa yo ta’e malee hiika biraa hin qabaatu. Ummata nagaa meesha-maleeyyii irratti dhukaasa yandoo bananii jumlaan iddoo tokkotti fixuu kun Duguuggaa Sanyii Saba Oromoo irratti deemsisamaa ture itti fufa isaa ta’uu agarsiisa. Gochi bineensummaa fi diinummaa kun karaa kamiinuu fudhatama hin qabu.

Xumura ji’a darbee keessas humnootuma kanaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Amuruu magaalaa Agamsaa fi naannoo isheetti ilmaan Oromoo nagaan 80 ol ta’an bifa suukanneessaadhaan jumlaan ajjeesamuun kan yaadatamuu dha.

Ummatni keenya taa’ee dhumaatii wal irratti ilaalaa jira. Reeffi obboleessaa fi obboleettii isaa dirree irratti faca’u, kan soora bineensaa taasisamaa oolu midiyaalee hawaasaa gubbaatti lakkaa’ee callisuun waan hin mallee fi qaanfachiisaa dha; gatii guddaas nu baasisaa jira.

Dhumaatiin kun yoo lakkoobsi isaa meeqa ga’ee fi yoo eessa dhaqqabee dha kan Oromoon yakki kun, ajjechaan jumlaa kun dhaabbatuu qaba jedhee sagalee isaa kan gamtaan dhageessisu?

Oromoo jumlaan akka baala kan harcaasaa jiru hidhattoota finxaaleyyii Faannoo fi hidhattoota mootummaa harka walkeessaa qaban ta’uun dhokataa miti; isa kana ummatnis ragaa ba’eera; jaarmotni mirga dhala namaa adda addaas dhugaa kana mirkaneessan.

Mootummaan kun harka isaan dhiiga ummata keenyaa dhiqachuu kan dhaabsisu Oromoo qofa. Lubbuu ilmaan Oromoon diraamaa hojjechuun, siyaasa ofii tarkaanfachiifachuun yakka yakkaan olii ti.

Ummatni keenya taa’ee lubbuu lammii isaa akka malee ba’aa jiru lakkaa’uu fi hidhii xuuxuu qofa ta’uu dhiisee, sagalee mormii fi diddaa isaa dhageessisuu qaba; karaa isaaf danda’e hundaan ummata bifa kanaan haala gaddisiisaan dhumaa jiruuf sagalee ta’ee, gocha bineensummaa mootummichaa fi humna finxeeleyyii Faannoo kana balaaleffachuu fi addunyaaf saaxiluu dha qaba

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *