Shawaa Bahaa Adaamii Tulluutti Waraanni Bilxiginnaa Dargaggoota 2 rasaasaan rukkuutun namoota 6 hidhun dhaga’ame.
(SQ-Ebla 17,2023)
Waraanni mootummaa paartii Bilxiginnaa Godina Shawaa bahaa Ona Adaamii Tulluu naannoo magaalaa Bulbulaatti dargaggoota lama kan Motorcycle’n deema turan isiin WBOdha jechuun rasaasaa itti roobsun madeessu namnni ijan argee tokko SQtti hime.
Dargaggoota rasaasaa waraana PP’n rukkutaman kunneen kan jireenya mataa isaanii geeggeefatan ta’u kan nuuf himan maddi keenya,maqaa dargaggoota kana adda baafachuu hin dandeenye jedhan.
Kana malees waraanni murna Bilxiginnaa namoota ja’a [6] kan dargaggoota rasaasaan reebaman sana gara mana yaalatti geessaniin maaf mana yaalaatti geessitan jechuun mana hidhatti darbachuus odeessi SQ qaqqabee ifa godha.
Waraanni mootummaa paartii Bilxiginnaa kan naasu tokko ilman Oromoof hin qabne guutuu Oromiyaa keessatti lammiilee Oromiyaa dararuu jabeessee itti fufee jira.
Adaamii Tulluutti Waraanni Mootummaa dargaggoota lama rasaasaan rukute
