Hoggantootni fi Qondaaloti ABO Mana Hidhaa Buraayyuu turan achii baafamuun dhabamsiifaman.

Hoggantootni fi Qondaalota ABO mana hidhaa Buraayyuu jiran Ebla 18/2023 achii baafamuun achi buuteen isaanii dhabame.

 

Hoggantootnii fi qondaaltotni ABO manneen hidhaa adda addaatti waggoota arfan darbaniif yakka tokko osoo hin qabaatiin manneen hidhaa keessatti dararamaa turuun isaanii osoo hin hafiin amma immoo guyyaa kaleessaa Ebla18/2023 mana hidhaa duraan keessatti dararaman Buraayyuu irraa baafamuun eessa akka geeffaman dhabamuun Maatii fi ummatni Oromoo barbaadee dhabuun yaaddoo tahee jira.

Jaallan Rakkina fayyaa adda addaatin qajeelcha Poolisii Magaalaa Burraayyutti rakkaacha turan Hogganootni fi qondaalotni as-buuten isaanii dhabame kunneen tarrisni maqaa isaanii:

1, J/Abdii Raggaasaa- Miseensa Shanee Gumii- ABO
2, J/ Mikaa’el Booran- Miseensa Shanee Gumii ABO
3, J/Kennasaa Ayyaanaa- Miseensa Gumii Sabaa ABO
4, Dr. Gadaa Oljirraa – Qondaala Olaanaa ABO
5, J/Gadaa Gabbisaa- Qondaala Olaanaa ABO
6, J/ Lammii Beenyaa -Qondaala Olaanaa ABO
7, J/ Daawit Abdataa – Qondaala Olaanaa ABO
Yommuu ta’an, jaallan waggoota afur tahuuf baatiiwwan muraasni kan hafu bakkoota adda addaatti, manneen dhoksaa dabalatee, hiraarfamaa turuun isaanii ni yaadatama.
Qaamni jaallan kana as buute isaan balleesse bakka jaallan kun itti geeffaman maatii, dhaaba isaanii ABO fi  uummata bal’aaf akka ifa godhu,Addi Bilisummaa Oromoo fi jaallan hedduun  gad-jabeessanii gaafataa jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *