Osoo Uummanni Naannoo Tigraay rakkoo keessatti uggura jala jiruu marii’achuun hin danda’amu jedhe Dubbii himaan Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraayi(TPLF) Obbo Geetachoo Raddaa.
(SQ-Hagayyaa 8,2022)
Osoo uummanni naannoo Tigraay rakkoo keessatti ‘uggura jala jiruu’ mariyachuun hin danda’amu jedhe Dubbi-himaan Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) Obbo Getaachoo Raddaa.
Ergaa fuula Tiwiitara isaarratti Sanbata baasaniin, “Kun waan ta’u miti,” jedhan Obbo Getaachoon,
Mootummaan Itoophiyaa ammoo dhuma Adoolessaa akka himetti, marii waraana Kaaba Itoophiyaa baatilee 20 lakkoofsise xumura itti gochuuf TPLF waliin yoomuu, eessattuu marii eegaluuf qophiidha jedheera.
Gorsaan dhimma nageenyaa MM fi miseensi koree marii mootummaa Federaalaa kan ta’an Ambaasaaddar Reeduwaan Huseen, mariin godhamu haal-duree tokko malee akka eegalu ejjennoo mootummaa Itoophiyaa ta’uu barruu Tiwiitarii isaanii irratti barreessaniin himanii turan.
“Akka ani ilaalutti, haal-dureen isaan kaa’an harki keenya hidhamee, hawaasni keenya beela’aa dukkana keessa osoo jiruufi guutummaan uummatichi uggura jala wayita jirutti [sarkasii] kanatti akka makamnuufidha,” jedhe dubbi-himaan TPLF Obbo Getaachoon.
Amma dura mootummaan Itoophiyaa marii nagaa TPLF waliin godhamuuf koree miseensota torba qabu ministira haajaa alaa fi MM Itti aanaa Obbo Dammaqe Makonnin dursan ijaaruu himee ture.
TPLF gama isaan akkanuma koree marii kan ijaaree yoo ta’u eenyummaa namoota koree kana keessa jiranii garuu ifa hin goone.
Haata’u malee, haal-dureewwan mariif hin dhiyaanne jechuun qabxiilee muraasa lafa kaa’ee qaba.
Dursaan TPLF Dr Dabratsiyoon Gabramikaa’el torban dura ibsa TV Tigraay irrati kennaniin, dhimmi Lixa Tigraay humnoota Amaaraa harka jiru, mirgi riifarandamii gochuu uummata Tigraay, waraana Tigraay hiikkachiisuun akkasumas deeggarsi namoomaa danqaa malee akka dhaqqabu gochuun qabxiilee gonkuma mariif hin dhiyaannedha jedhanii turan.
Mariin eegalamuun dura tajaajilawwan bu’uuraa akka komunikeeshinii fi ibsaa Tigraay irraa citee jiru deebi’uu akka qabus Dabratsiyoon gaafatanii ture.
Dabalataan TPLF amma dura mariin godhamu mootummaa Keeniyaatiin durfamee Naayiroobiitti akka taa’amu fedha qabaachuus himeera.
Mootummaan Itoophiyaa humnoota Tigraay waliin marii taasisu kan hogganu Gamtaa Afrikaa akka ta’u ejjannoo qabu ibseera.