Hoggantootni fi Qondaaltonni ABO waggaa sadii dura qabamanii hidhaman haqa dhabanii dararaa argaa jiru.
Caamsaa 22/2023
Hoggantootni fi Qondaaltonni ABO waggoota sadan darbaniif manneen hidhaa adda addaa keessatti erga dararamaa turan waggaa tokkoof mana hidhaa Buraayyuu keessatti hidhamanii kan dararamaa turan ebla 18 /2023 mana hidhaa Buraayyuu irraa baafamanii achi buuteen isaanii dhabamee ture turtii baatii tokkoo booda guyyaa har’aa caamsaa 22/2023ย mana hidhaa duraan keessatti dararaan irra gahaa turetti deebifamanii jiru.
Dhimma hoggantootaa fi qondaaltonni ABO kunneen keessa jiran dhaabni isaanii ABOn xalayaa boordii filannoo Biyyaalessaaf barreesseen koreen tokko ijaaramee haala isaan keessa jiran akka deemanii qulqulleessaniif ebla 21/2020 beellamni kan qabame yoo tahu qaamni isaan hidhe akka koreen hundaa’ee isaan dubbisuuf deemu isaan hin quunnamneef dursee jalaa miliqsuun as hin jiran jedhanii koree dubbisuu deeme akka isaan if duuba deebi’an taasisuun isaanii ni yaadatama.
Turtii baatii tokkoo booda hogganootaa fi qondaaltonni ABO bakka hin beekamnetti erga dararamaa turanii booda mana hidhaa Buraayyuu keessatti deebifamanii jiru.
Hogganootaa fi qondaalotn ABO kunneen dhibamanii yaala gahaa dhabanii dhukkubaan miidhamaa akka jiran ragaan mana yaalaa isaanii ni mul’isa.