Dhibee Koleeraan lubbuun Namootaa Gujii keessatti darbaa jira.

Gujii Lixaa Aanaa Waadaratti weerarri dhibee Koleeraa lubbuu namootaa galaafachaa jiraachuu hooggantoonni biiroo fayyaa aanichaa himan.

(SQ-Bitootessa 28,2023)

Jiraataan Aanaa Waadaraa OMN dubbise akka jedhutti torbanoota sadii as guyyaarraa gara guyyaatti lubbuun namootaa sababa weerara koleeraa kanaatiin darbaa jira.

Dhimma kana ilaalchisuun OMN itti aanaa Itti gaafatamaa waajjira fayyaa aanaa Waadarraa Obbo Lammaa Siisaay dubbisee jira.

Gammoojjiiwwaniifi gandoota baadiyyaa aanaa Waadaraa hedduu keessatti weerarri dhibee koleeraa baballachuun hawaasa miidhaa jiraachuu himu jiraattonni Aanaa Waadaraa.

Weerarri dhibee Koleeraa Godina Gujii aanaa Waadaraatti mullatte kun guyyaarraa gara guyyaatti lubbuu namaa dabarsaa jiraachuullee maddeen himaniiru.

Gandoota baadiyyaa aanichaa magaalaarraa fagoo ta’an keessa rakkoon nageenyaa waan jiruuf, geejibni bakkichatti argamee dhukkubsattoota gara buufata fayyaatti fiduufillee haalli mijataa akka hin taane jiraattonni ragaa ba’u.

Addatti ammoo konkolaattonni mootummaa, ambulaansiifi kan dhaabbilee gargaarsaa, yeroo gaafatamanitti sodaa nageenyaa qabaachuu himanii, garas adeemanii dhukkubsattoota fiduuf hayyamamoo akka hin taane himatuu jedha jiraataan aanaa Waadaraa tokko.

Hanga ammaatti Godina Gujii aanaa Waadaraa keessatti namoonni buufata fayyaa qaqqabaniifi kanneen utuu dhufuuf karaarra jiranii lubbuun isaanii darbe 28 ol ta’uu himu jiraattonni.

Weerarri dhibee Koleeraa kun bakkeewwan itti mullatetti dachaatiin baballachaa jiraachuufi aanota kan biroo ollaa aanaa Waadaraa ta’anittillee baballachaa jira kan jedhan ammoo ogeessa fayyaa aanichaatti.

Itti dabaluunis jiraattonni aanichaa, Mootummaan dhimmicha gidduu seenuun akka hawaasni hin miidhamneefi dhibeen kunis akka hin baballanne gochuuf dirqama qabaatus, sababa rakkoo nageenyaatiif garasitti ogeessa erguuf hayyamamaa ta’uu dhabuunsaa isaan yaaddessuu himan.

Dhimma kana ilaalchisuun yaada kan kennaan Itti aanaa Itti gaafatamaa Biiroo Fayyaa Aanichaa Obbo Lammaa Siisaay, weerarri dhibee koleeraa aanicha keessaa gandoota torba keessatti mullachuun dhugaa ta’uu himan.

Akka Obbo Lammaan jedhanitti hanga ammaatti lubbuun namootaallee dhibee kanaan darbaa jira jedhu.

Lakkoofsa namoota aanicha keessatti dhibee kanaan miidhamaniifi kanneen gargaarsa barbaadanii ilaalchisee Obbo Lammaan, hanga ammaatti ragaa lakkoofsa namoota miidhamanii of harkaa akka hin qabne himan.

Dhumarrattis sochii seekteraaleen fayyaa dhimmicha irratti taasisaa jiraniifi rakkoo nageenyaa mootummaan himatu ilaalchisee yaada isaanii ibsuuf fedhii akka hin qabne himan jechuun kan gabaase OMN!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *