Mootummaan Itoophiyaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin araara buusuuf koree dhaabee hojjechaan jira” jedhe.
(SQ-Bitootessa 28,2023)
Muummichi ministeeraa Abiy Ahmed walga’ii mana maree bakka bu’uutaa har’aa irratti gaaffii dhimmi nageenyaa Oromiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoon walqabatee miseensota mana maree bakka bu’ootaa irraa aaffilee ka’an yommuu deebisan, Waraana Bilisummaa Oromoo waliin mariidhaan nagaa buusuuf koreen tokko karaa mootummaa dhaabbatee hojjechaa akka jiru dubbatan.
“Kan yeroo darbe perezedaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa waamicha nagaa taasisan yaada mootummaa naannichaa utuu hin taane, akka paartiitti mari’annee murteessinee koree dhimmi kanaaf hojjetu kan itti aanaa paartii keenyaan hogganamu hundeessinee hojjechaa kan jirrudha” jedhan.
Mootummaan isaanii mariifi araaraan nagaa buusuuf kutannoo fi fedhii akka qabus dubbataniiru.
Muummichi ministeeraa haasaa dhimmi Kanaan walqabtee taasisan irratti “ajjeechaafi qe’eerraa buqqa’uun akka hin jiraanneef jennee humna waraanaa guddaa bobbaasneerra” jechuudhaan naannawa Waraanni Bilisummaa Oromoo socho’utti humna waraanaa bobbaasuu ibsanii jiru.
“Dhimma nageenya uumuu kana irratti shakkiin jiraachuu hin qabu, nuti gama keenyaan ejjennoo cimaadhaan hojjechaa jirra, kan nu baasus kanuma” jechuudhaan dubbatan Dr. Abiy.
Miseensonni mana maree bakka bu’ootaa amma dura xalayaa Gamtaa Afrikaaf barreessaniin gamtichi gidduu seenee mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromoo akka araarsu gaafachuun isaanii ni yaadatama. Haata’u malee, haga ammaatti ifatti wanti haasa’ame ykn eegalame akka hin jirre gabaasaaleen adda adda ba’aa turaniiru.