Tokkummaan Hawaasa Oromoo Biyya Kaanaadaa, haleellaa itti fufiinsaan hawaasa Oromoo Karrayyuu irratti raawwatamaa jiru ibsa baasen balaaleffate.
(SQ-Bitootessa 30,2023)
Hawaasni Oromoo Karrayyuu itti fufiinsaan dhiibbaa garaagaraaf saaxilamaa jiraachuu odeeffannoon guyyaa guyyaan garasii nu qaqqabu ni mul’isa.
Dhiibbaan kun Gam-tokkoon Humnoota Amaaraa qabiyyee lafa hawaasichaa weeraraniin, Gama biroon ammoo humnoota mootummaan bobbaasuun kan raawwatamu wayita tahu, guyyaa guyyaan lubbuun namaa darbaa lafti hawaasichaa weeararamaa, uummanni bahaa gala dhorkamee rakkoo jabaa keessa jiraachuutu himama.
Miidhaa Hawaasa Oromoo Karrayyuu mudataa jiru kana ilaalchisuun ibsa kan baase Tokkummaan Hawaasa Oromoo Biyya Kaanaadaa, haleellaa itti fufiinsaan hawaasa Oromoo Karrayyuu irratti raawwatamaa jiru balaaleffate.
Haleellaa dhiheenya Humni Milishaa Amaaraa Hawaasa kana irratti raawwateen Miseensa Jila Gadaa Michillee duguuggaa waggaa tokkoon dura Tuuta Gadaa Karrayyuu irratti raawwatame irraa lubbuun oolan, Hawaas Maatoo Booraa ajjeefamuu yaadachiisuun, Tibbana ammoo humnoonni mootummaa Qe’ee Abbootii Gadaa aanaa Fantaallee bakka Karraa jedhamutti argamu weeraranii miidhaa garaagaraa hawaasicha irraan qaqqabsiisaa jiraachuu ibse.
Gocha Humnoonni mootummaa raawwatan kanaan Horsiisee bultoota nagaan qe’ee isaanii jiraatan reebichi hamaan, saamichii fi hidhaan kan isaan irratti raawwatame tahuu fi kanneen hidhannoon ittiin of tiksan irraa hiikame jiraachuu eera ibsi kun.
Hawaasni Karrayyuu duguuggaa Muddee 01, 2021 humnoota mootummaatiin Hogganoota Gadaa isaatii irratti raawwatameef osoo haqa hin argatin itti fufiinsaan haleellaa marsaa biraa keessummeessaa jira, har’as nagaan qe’eesaa jiraachuuf hin dandeenye jedhe.
Hawaasni kun Lola WBO fi Humnoota mootummaa gidduutti geggeeffamu keessatti danqamee, Hidhattoota WBO of keessa dhoksitaniittu jedhamuun qaama mootummaan dararamaa jira; Gama biroon humnoonni Amaaraa weerara lafaa gara qabiyyee hawaasichaatti taasisaniin ajjeechaa, buqqaatii fi saamicha lafaa geggeessaa jiru jedhe.
Gama biroon Warshaan Shukkaaraa lafa hawaasichi horii isaa dheedchifatu irraa saamuun cinatti, faalama garaagaraa hordofsiisaa jira, Hawaasni Karrayyuu balaa hongeetiinis akkaan hubamuun gargaarsi namoomaa akka hin qaqqabne irraa ittifamee jira jedhe Tokkummaan Hawaasa Oromoo Biyya Kaanaadaa.
Gochi gama hundaan Hawaasa kana marfama keessa galchuun dhabamsiisuuf raawwatamu hatattamaan akka dhaabbatuufis gaafateera.
Gochi uummaticha irratti itti fufiinsaan raawwatamu kun sarbama Mirga Namoomaa, Mirga Lubbuun jiraachuu uummatichaa mulqe waan taheef hatattamaan dhaabbachuu akka qabu kan gaafate Waldaan Hawaasa Oromoo kun, Dhaabbileen Idil-addunyaa Mirgoota Dhala namaaf falman miidhaan itti fufiinsaan hawaasa Karrayyuu mudataa jiru xumura akka argatuuf dhiibbaa gama isaanii akka godhan gaafateera.
Hawaasa miidhaa jabaa jala jiru kanaaf sagalee tahuun akka barbaachisu, Hawaasni hongee yeroo dheeraan beelarra buhee jiru kun gargaarsa namoomaa hatattamaan akka argatu, Isaan badii malee hidhaatti dararamaa jiran akka hiikaman, akkasumas Haqni Jila Gadaa Karrayyuu haala suukanneessaan duguugamanii akka galuuf dhiibbaa uumuun akka barbaachisu gaafateera.