Itiyoophiyaan Warshaalee sukkaaraa 8 qabdu keessaa 1 qofaatu oomishatti jira.
Akka maddeen gaggeessitoota waarshaalee wabeeffachuun gabaasetti warshaa sukkaara 8 Itiyoophiyaan qabdu keessaa #Wenjii_Showa qofatu oomishaa jira.
Warshaaleen sukkaara 7 oomisha dhaabanii jiran 1,Methara,
2,Fincha,
3,Arjo Didesa,
4,Kasem,
5,Tana Beles lakk.1,
6,Omo Kuraz lakk.1 fi
7,Omo Kuraz lakk.2 dha.
Hojjettoota warshaalee fi namoota hojiitti dhihoo jiran waliin gaaffii fi deebii taasisameen akka mirkaneeffadhetti jechuun kan gabaase Wazemaan ; Fakkeenyaaf, maddeen Warshaa Sukkaaraa Methahara akka jedhanitti warshaan kun waggoota 55f dhaabbata guddaa ta’us, yeroo dhiyoo asitti qormaata hedduu keessa darbaa ture. Meeshaaleen maashiniiwwan kana sochoosuuf gargaaran “Steam Generation Plant” ykn yeroo baayyee “Boiler” jedhaman waan hin suphamneef warshaan kun hojii dhaabuuf kan dirqame ta’uu dubbataniiru.
Meetharaan dandeettii oomishaa guddaa kan qabdu yoo ta’u, lafa heektaara kuma 10 fi 230 ol irratti shonkoraa misoomsuun waggaatti sukkaara kuntaala miiliyoona 1.3 oomishuuf dandeettii qaba ture. Kana malees warshaan kun bara 2003 irraa eegalee hojjechaa tureera. Pirojektii babal’ina isaa keessattis waggaatti hanga liitira miiliyoona 12.5tti oomisha sukkaara kan ta’e etaanoolii oomishaa ture. Gama biraatiin warshichi fedhii anniisaa mataa isaa kan guutu, qodaa shonkoraa”bagasse” jedhamu irraa humna ibsaa meeggaa waattii 9 maddisiisaa ture jedhu hojjettoonni.
Warshaalee sukkaara shanan boordii ministeerotaan akka of bulchan taasifaman keessaa tokko warshaa sukkaara Mattahaaraa akka ta’e maddeen keenya, hojiin oomishaa yeroodhaa gara yerootti laafaa dhufeef sababni guddaan akka ta’e ni dubbatu jechuun korporeeshinii sukkaara jalaa kan baafame ta’uu isaati. Warshaan kun suphaa barbaachisaa ta’e erga godhamee booda ji’a tokko booda hojii eegala jechuun yaaddoon gama hoggansa warshichaa jiraatus, hojjettoonni kunneen yaaddoo isaanii ibsaniiru, kunis waan danda’amu hin fakkaatu jechuun haala yeroo ammaa dubbatu.
Warshaalee oomisha dhaaban keessaa inni biraan Warshaa Sukkaaraa Finca’aati. Hojjettoonni warshichi rakkoo adda addaa keessa darbaa jira jedhan, rakkoon nageenyaa naannoo sana waggootaaf mudate qormaata guddaa ta’uu ibsaniiru.
Waarshaan Sukkaaraa Finca’aa bara 2016 Dhuma irratti suphama jedhamee booda hanga ammaatti oomishni hin eegalamne jedhan maddeen, inumaayyuu hojjettoonni kun hojii qonnaa biroo mooraa warshichaa keessatti akka kunuunsan hoggansa warshichaatiin dhiibbaan godhamaa akka jiru nutti himaniiru. Warshaan Sukkaaraa Finca’aa waggoota kurnan sadii kan ture yeroo hojiin ijaarsaa jalqabamu waggaatti sukkaara hanga kuntaala miiliyoona 2.7 oomishuuf kan yaadame yoo ta’u, hanga oomishni kun dhaabbatutti waggaatti kuntaala kuma 300 hanga 400 qofa oomishaa ture.
Gama biraatiin hojjettoonni warshaa wazema waliin haasa’e akka jedhanitti warshichi rakkoo spare parts baay’ee akka qabu ibsaniiru. Akka maddeen warshaan kun kanaan dura humna ibsaa isa barbaachisu maddisiisuuf itti fayyadamaa tureen, warshaan humna elektiriikaa kun miidhaa fi suphaa dhabuu irraa kan ka’e humna maddisiisuu erga dhaabe waggaa jaha ta’eera. Maddeen wazeemaaf ibsan lafti heektaara kuma 15 ol ta’u humnoota naannoo sanatti socho’aniin lafa misooma qamadii warshichaa irratti ibiddaan barbadaa’eera jedhaniiru.
Odeeffannoo wazema Radion walitti qabde irraa warshaaleen Arjo Didesa, Kesem, Tana Beles lakk.1, Omo Kuraz lakk.1 fi Omo Kuraz lakk.2 hojii dhaabanii jiru.
Arjo Didesa bara itti aanu 2018. Hojjettoonni oomishni jalqabuu danda’a jedhan, hojjettoonni warshichaa qonnaa fi hojiiwwan kanaan walqabatan irratti bobba’anii akka turan eeraniiru. Warshaan kun yeroo oomisha sukkaara keessa ture hojjettoota dhaabbataa 900 fi yeroof 600 ol kan qabu yoo ta’u, amma garuu hojjettoota 340 qofa akka qabu ibsaniiru. Bara 2007tti Akka maddeen gabaasanitti, Warshaan Sukkaaraa Arjoo Didesaa hojiitti galfamee fi dandeettii guyyaatti shonkoraa toonii kuma 8 caccabsuu qaba jedhamee yaadame, oomisha sukkaara guutummaatti erga dhaabe waggaa sadii ta’eera.
Gama biraatiin hojjettoonni warshaa sukkaara Tana Beles lakkoofsa 1 kan wazema waliin haasa’e warshaan kun bara 2016 irraa eegalee hojjechaa akka ture himaniiru. Hanga ammaatti oomisha oomishee akka hin beekne dubbateera. Baajata bara kanaaf mootummaan ramadame tokkollee akka hin jirre maddeen walfakkaataan kan ibsan yoo ta’u, hanga baajatni ramadamutti hojiin kun bara kana eegaluun isaa shakkii akka ta’e nutti himaniiru jechuun Wazeman gabaaseera.
Gaafa Caamsaa 29/2013 Warshaan sukkaara Taanaa Beles hojiitti galfamee naannoo Amaaraa Zoonii Awwii Aanaa Jawiitti kan argamu hanna buufata raabsaa humna ibsaa duraan itti argatutti raawwatameen dhiyeessii ibsaa hin qabu jedhameera.
Warshaan kun hojjettoota dhaabbataa kuma 1 fi 400 fi yeroof 1,600 ol akka qabu maddeen kan himan yoo ta’u, mindaan hojjettootaa erga dhaabbatee ji’a sadii ta’uu ibsaniiru. Warshaan kun kanaan dura kan lammiilee Chaayinaa ta’uu yaadachuun waggaa tokko dura lammiilee Itoophiyaatiin kan hoogganamu yoo ta’u, akka murtee Mana Maree Ministirootaatiin boordii tokkoon akka of bulchu taasifamaa ture.
Warshaaleen sukkaara Oomoo Kuraaz sababa rakkoo walfakkaatuun oomisha dhaaban keessaa tokko yoo ta’an, warshaan sukkaara Oomoo Kuraaz ji’a tokko booda oomisha akka eegalu dandahus dubbatamaa jiraatus shakkii guddaatu jira jedhameera.
Waazemaan irra deddeebiin Garee Industirii Sukkaaraa Itiyoophiyaa qunnamuun dhimmicharratti ibsi dabalataa gaafachuuf carraaqqiin gochaa ture waan hin milkoofneef, yaada isaanii hammachuun hin danda’amne jedheera.
Wazema Radiotu gabaase