Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti humni Finxaaleyyii haleellaa raawwate

Godina Horroo Guduruu wallaggaa fi Shaggar kaabaatti Finxaaleyyiin Amaaraa Lola bananiin ummata irra miidhaan qaqqabe

Haleellaa gurmaa’aa tibbana Finxaaleyyiin Amaaraa Karaa miidiyaalee dabalatee Oromiyaa keessatti ajjeechaa fi saamicha raawwachuuf akka qophaa’oo tahan dubbataa turan yeroo ammaa humni hidhate Faannoon daangaa Oromiyaa seenuun ajjeechaa fi saamicha Ummata irratti raawwataa jira.

Godina Horroo Guduruu Aanaa Amuruu fi Agamsaa dabalatee Abee Dongoroo bakka jedhamutti humni Finxaaleyyii Amaaraa Faannoon haleellaa raawwataniin ummata irra miidhaan qaqqabuu fi jiraattotni qe’ee isaanii lakkisanii gara magaalaatti godaanaa jiraachuu maddeen naannichaa nuuf himaniiru.

Bifuma wal fakkaatuun Kaaba Shaggar keessatti Aanaa Darraa keessatti halkan edaa haleellaa humni faannoo baneen lubbuun namoota shanii (5)darbuun miidhaan hamaan naannichatti qaqqabee jiraachuu maddeen keenya nuuf himaniiru.

Humnootiin Amaaraa maqaa Faannoon socho’an eega labsiin yeroo muddamaa naannoo Amaaraatti labsamee Lola qindaayaa naannoo Oromiyaa irratti akka gaggeessaa jiranii fi lubbuu namootaa balleessaa hedduu qabanii ukkaamsaa akka jiran beekameera.

Ummatni keenya naannoo Daangaa Amaaraa irra jirtan hanga dandeessan meeshaa qabachuun akka of irraa qolattanii fi gurmuun of irraa loltan dhaammachaa waamicha ABO fi KfOn daangaa Oromiyaa tiksuun tokkummaa Oromootaa gaafata jedhe sanas hojiirra oolfamuuf Oromootni golee Oromiyaa akka ummata keenya cinaa dhaabbattan waamicha isiniif goona.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *