Humnootiin Finxaaleyyii Amaaraa maqaa Faannoon socho’an Kaaba Shaggar Aanaa Darraatti Halleellaa raawwatan.
Finxaaleyyiin Amaaraa yeroo irraa gara yerootti daangaa darbuun Oromiyaa bakkoota adda addaatti ummata butee ajjeessuu fi qabeenyaa Ummataa saamee garii immoo Abiddaan barbadeessaa jira.
Haaluma kanaan tibbana godina wallaggaa Bahaa fi Horroo guduruu dabalatee giddu galeessa shaggar keessatti gochaa garaa Jabinaa ummata qonnaan bulaa irratti raawwataa jiraachuu fi ummatni gamtaan bahee daangaa isaa tikfachuu akka qabu dhaamamee ture.
Hagayya 28 /2023 halkan keessa shaggar Kaabaa waajjira poolisii Aanaa Dharraa magaalaa Gundoo Masqalee dabalatee humnootiin finxaaleyyii Amaaraa maqaa Faannoon socho’an halkan waarii daangaa cabsanii seenanii haleellaa raawwataniin lubbuun namootaa darbuu fi qabeenyaa hedduun barbadaayuun beekameera .
Humni hidhate kan naannoo Amaaraa irraa ka’uun daangaa Oromiyaa humnaan weeraruuf haleellaa raawwatu mootummaa naannoo Amaaraa fi hogggantoota mootummaa federaalaa kan dhalootaan Amaara ta’aniin kan tumsamu tahuus jiraattota dabalatee yeroo gara garaatti itti aanaa MM Itiyoophiyaa fi ministera Haajaa Alaa Itiyoophiyaa inni Dammaqaa Mokonniin haasaa taasisaniin akka finxaaleyyiin Faannoon hidhatan godhamuun ni beekama.
Sochii hidhattoonni faannoo godinoota wallaggaa bahaa fi Horroo guduruu dabalatee aanaalee godina Shawa Kaabaa fi Shawaa bahaa gama Boosattiin karrayyuu irratti weerara taasisan eegaluun isaa waggoota kan lakkoofsise ta’us, tibba kana haleellaa qinda’aan aanota akka Abbichuufi Nya’aa, Dharraafi Qimbibiit keessatti mul’achaa jiru immoo kan akkaan hamaa fi ummata naannichaa yaaddessedha.
Labsii yeroo muddamaa manni maree federaalaa naannoo Amaaraa irratti labse booda, hidhannoofi humna guutuun fuula isaanii gara Oromiyaatti kan deebisan hidhattoonni Finxaaleyyii Amaaraa kunneen Ilmaan Oromoo Sababa Oromoo tahan qofaan qonnaan bultootaa fi tikfattootta seenanii bakka isaan jiranitti qabuun fudhatanii daangaa Amaaraa galchanii dararaa hamaa irraan gahuu. Akka ajjeessaa jiran odeessaleen nu qaqqabanii fi ummatni dubbatu ni mul’isa.
Yeroo ammaa kana Kaaba shaggar Aanaa Abbichuu fi Nya’aatti haleellaa humnootniin faannoo yeroo adda addaatti raawwataniin lubbuu namoota nagaa dabarsuun alatti , qabeenyaa ummataa beelladoota dabalatee dhaabbilee mootummaafi baankilee dhuunfaa irratti saamicha raawwataniiru.
Kaaba Shaggar aanota daangaa Amaaraan wal daangessan dabalatee gandoota baadiyyaan naannichaa yeroo ammaa humnootiin finxaaleyyii Amaaraa seenanii ajjeechaa fi samaicha raawwachaa kan jiran yoo tahu guyyuu dhukaasa ummata irratti banuun qe’ee irraa godaansisaa akka jiran madeen nuuf himaniiru.
Humnootiin Finxaaleyyii Amaaraa kunneen yeroo ammaa Lola gara daangaa Oromiyaatti babal’isuun ummata keenya qonnaan bulaa qabanii ukkaamsanii fudhachuun ajjeesaa fi qabeenya isaa saamaa gandoota baadiyyaas tohachuuf yaalii taasisaa jiru.