Qondaalli ABO dargaggoo Lammii Beenyaa mana hidhaa Buraayyuu keessatti dhibamee yaala rakkate.
Dargaggoo lammii Beenyaa wareegama Artist Hacaaluu hordofee waggaa sadii dura mana jireenyaa isaa keessaa qabamee kan hidhame murtii tokko malee manneen hidhaa adda addaa keessatti dararamaa turee ammas Mana hidhaa Magaalaa Buraayyuutti dararamaa jira.
Dargaggoo Lammii Beenyaa roorroo sabaa fi biyya isaa Oromiyaa irra gahaa ture akkuma dargaggoota Oromoo Umurii isaa dargaggummaa irraa qabee kan falmatti seene yoo tahu bara mootummaa wayyaanes qabamee manneen hidhaa akka Mikelaawwii ,Qaallittii fi Baatuutti erga dararamaa turee mana hidhaa irraa bahee gara biyya baqaatti godaanuun biyya Awurooppaa Norway kan jiraataa ture yoo tahu erga jijjiirraan bara 2018 taasifame jedhamee innis sabaa fi biyya isaa Karaa seeraa fi Haqaa tajaajiluuf dhaaba isaa ABO waliin kan gara Oromiyaatti gale ture.
Qondaalli ABO Lammii Beenyaa haqa dhabee waggoota sadii oliif jaallan hoggantootaa fi qondaaltota ABO biroo waliin manneen hidhaa adda addaa keessatti dararamaa turee gara mana hidhaa Buraayyuu kan geeffame yoo tahu yeroo ammas dhukkubsatee yaala gahaa dhabuun baayyee rakkataa jiraachuu maddeen nuuf himaniiru.
Manni Murtii irra deddeebiin Lammii Beenyaa fi hoggantoota ABO mana hidhaatti haqa dhabanii dabaan dararamaa jiran akka hiikaman ajajus poolsiin olaantummaa mana murtii diduu fi tuffachuun hidhee dararaa jira.