Sochiin humnoonni finxaaleyyii Amaaraa gara Oromiyaatti taasisaa jiran bal’achaa jiraachuu hordofee uummanni gurmaa’ee daangaa isaa eeggachuu akka qabu hubachiifame.
Aanaa Amuruu magaalaa Agamsaa daandii guddaa kan laga Abbayaarraan humnoonni kun ittiin ce’an miliishonni ijaaramanii eegumsa gochuu akka jalqaban waajjirri komunikeeshinii Aanaa Amuruu ibsee jira.
Bakkoota humnoonni kun buufata taasifachuun kallattii addaa addaatti bobba’aniif xiyyeeffannoo kennuufitu barbaachisas jedhame.
Sochiin eegumsaa kun kan jajjabeeffamuufi iddoowwan biroottis baratamuu qabaa kan jedhan maddeen, Oromiyaa keessaa iddoowwan humnoonni kun baay’inaan qabatanii jiran irrattis xiyyeeffachuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Riqichi laga Abbayaa daangaa naannolee Oromiyaafi Amaaraa wal quunnamsiisu irratti miliishonni ijaaramuun eegumsa jalqabuu komunikeeshiniin aanaa Amuruu gabaasee ture.
Iddoon kun poolisii federaalaan eegamaa kan ture yeroo kana gadhiisanii deemaniiru.
Oromiyaa Lixaa Aanonni akka Giddaa Ayyaanaa, Amuruufi Kiiramuu keessaa buufata humnoota kanaa isa bal’aa kan taate magaalaa Haaroo irratti mootummaanis ta’e uummanni xiyyeeffachuu qaba jedhan.
Riqicha laga Abbayaa kana qaxxaamuranii ce’uun Oromiyaa iddoowwan addaa addaatti miidhaa guddaa geessisaa turaniiru.
Eegumsi miliishonni riqicha Abbayaa irratti taasisuu eegalan kan jajjabeeffamu ta’uu himuun, Oromiyaa keessaas humna jabaa qabaachuun isaanii dagatamuu hin qabu jedhameera.
Magaalaan akka Haaroo buufata isaanii guddicha kan ta’e yeroo ajjeechaa raawwataniifi saamicha taasisan iddoo kanaa ka’anii iddoo kanatti galu jedhan.
Hanga magaalaan Haaroo kun harka humnoota kanaatii hin baanetti rakkoon kun hin dhaabbatuu kan jedhan maddeen, Kiiramuu, Giddaafi Amuruun illee balaa iddoo kanaa ka’uun miidhamoo ta’uu himan.