Mootiin shaggooyyee Artist Haaloo Daawwee Addunyaa kana irraa du’aan boqotte.
Artist Haaloo Daawwee umurii ishee ijoollummaa irraa eegaltee bara Afaan Oromoon sirbuun qaanfatamaa turetti ani Oromoodha jettee haala hammaataa fi hin mijanne keessatti artistoota Arfan Qalloo waliin tahuun sirboota Ummata Oromoo dammaqsanii fi aadaa Oromoo ibsan wellisuu cinaatti qabsoo Oromoo Artistoonni Oromoo kallattiin walleen ummata isaanii dammaqsaa turan keesaatti adda dureen kan keessatti qooda fudhachaa turte.
Artist Haaloo Daawwee waggoota dhiyyoo as dhukkubsachaa turtee wal’aanamaa erga turtee guyyaa kaleessaa Onkololeessa 14/2023 du’aan Addunyaa kana irraa boqotteetti.
Maatii fi ummata Oromoo maraan akkasumas jaallattoota ishee hundaaf Sagaleen Qeerroo jajjabina hawwina.