Lallaba Biyyaa Go/sh/kibba lixaatti B/M/walisoo keessatti Mana Barumsaa Oolmaa Daa’immanii hanga sadarkaa 1ffaatti akka ijaaramuuf yaadameef Abbaa Phaaphaasii La/B/go/sh/kibba lixaa fi Gaanfa Afrikaatiin dhagaan bu’uuraa Guraandhala 9/2023 ykn 2/2015 kaayamee jira.
Sinoodosiin Oromiyaa fi sabaaf sablammoota Oromiyaa erga muudama haaraa ifoomsee as bakkoota deeman hundatti simannaa guddaan yoo taasifamuuf warreen qabeenyaa Oromiyaa maqaa amantii golgaa godhachuun saamaa fi qe’ee fi qabeenya isaa irraa bataskaanatu as bu’e jechuun gaggeessaa turan biratti mormiin dhagahamaa jira.