Tokkummaan Hawaasa Oromoo Biyya Kanaadaa ajjeechaan naannawaa Gimbii Toleetti raawwatame qaama walabaan akka qoratamu gaafate.

Tokkummaan Hawaasa Oromoo Biyya Kanaadaa ajjeechaan naannawaa Gimbii Toleetti raawwatame qaama walabaan akka qoratamu gaafate.

(SQ-Waxabajjii 26,2022)

Tokkummaan Hawaasa Oromoo Biyya Kanaadaa ibsa baaseen ajjeechaa naannawaa Gimbii ganda Toleetti raawwatame cimsee balaaleffatee.

Mootummaan Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufee gochaa shororkeessummaa uummata nagaa irratti raawwataa turuu eeree, kanaanis humnoonni mootummaa Oromiyaa keessatti namoota nagaa hedduu fixuu isaanii hawaasichi ibsa isaan himee jira.

Mootummaan federaalaa Itoophiyaa humnoota Eritiriyaa, kan mootummaa naannoo Amaaraa fi humnoota idilee hin taane kan naannoo Amaaraa tumsa waammachuun naannolee Oromiyaa, Tigraay, Beenishaangul Gumuz fi Gaambeellaa irratti waraana kallattii fi alkallattii adeemsisaa turuus ibsichi eeree jira..

Mootummaan ajjeechaa Toleetti raawwatameef Waraana Bilisummaa Oromootti quba qabus ragaaleen bahaa jiran ajjeechaa kana humnootiin mootummaa raawwachuu isaanii mul’isuu jedha ibsi Tokkummaan Hawaasa Oromoo Biyya Kanaadaa.

Haqni naannoo sana jiru akka hin baane miidiyaaleen naannawaa sana akka hin dhaqne dhorkee jiraa.Kanaan faallaa mootummaan odeeffannoo dogoggora karaa miiidiyaa isaa tamsaasaa jiraachuu fi miidiyaalee idil addunyaa muraasas odeeffannoo kana itti kennee yaada dogoggoraa tamsaasisiisaa jiraachuu eera ibsichi.

Kunis ajjeechaawwan jumlaa kutaalee biyyattii garaagaraatti humnoota mootummaan raawwataman xiyyeeffannoo hawaasa addunyaa jalaa dhoksuuf ta’e jedhamee kan raawwatamudha .Mootummaan Itoophiyaa ta’e jedhee lammiilee nagaa ofumaa fixee qaama biraatti qabachuun waan barame kan jedhu ibsichi, ajjeechaan Tolees sana irraa adda hin ta’u jedha.

Gochaan mootummaa Itoophiyaa waan beekamuuf Waraanni Bilisummaa Oromoo, Addi Bilisummaa Oromoo, Koongirasiin Federaalawaa Oromoo, Aministii Intarnaashinal fi Komishiniin Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii qorannoon walabaa akka taasifamu kan gaafatan akka ta’e ibsee

Haata’uutii garuu mootummaan Itoophiyaa waamicha kanaaf hanga ammaa deebii hin kennine jedha ibsichi.

Tokkummaan Hawaasa Oromoo Biyya Kanaadaa dhiittaan mirga namoomaa kanneen akka murtii malee namoota nagaa ajjeesuu, bakka buutee dhabamsiisuu, hiraarsuu, gudeeduu, jumlaan hidhuu, qe’ee irraa buqqaasuu, qe’ee uummataa gubuu fi qabeenya uummataa saamuu humnoota mootummaa fi warra isaan tumsaniin raawwatamu akka isa yaaddeesse beeksiseera.

Ajjeechaa naannawaa Gimbii Toleetti raawwatame qaamni walabaa akka qoratuu qabus hawaasichi gaafatee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *