Sudaan loltoota booji’amanii turan torbaa fi nama nagaa tokko na jalaa ajjeeste jechuun Itoophiyaa himatte.

Sudaan loltoota booji’amanii turan torbaa fi nama nagaa tokko na jalaa ajjeeste jechuun Itoophiyaa himatte.

(SQ-Waxabajjii 27,2022)

Akka miidiyaan mootummaa Sudaan gabaasetti loltoonni torbaa fi namni nagaa tokko humnoota ittisaa Itoophiyaan ajjeefaman.

Humni Ittisaa Sudaan ibsa Dilbata Waxabajjii 26 baaseen, loltoonni Itoophiyaa lammilee Sudaan kanneen erga ajjeesanii booda “reeffa isaanii addabaabayii irratti uummatatti agarsiisan” jechuun himate.

Itti dabaluunis “gocha gantummaa kanaaf deebii ni laanna” jedhe.

Mootummaan Itoophiyaa amma dura dhimma kana irratti waan jedhe hin qabu.

Walitti bu’iinsa amma dura milishaa Itoophiyaa fi humna ittisaa Sudaan jidduutti daangaa irratti yeroo gara garaa uumamaa tureen, lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaan gahee ture.

Itoophiyaa fi Sudaan jidduu wal-dhibdee daangaa irratti dabalataan dhimma hidha Haaromsaa irrattis wal gaarreffannaatu jira.

Dhibdeen lafa qonnaa al-Fashagaa daangaa biyyoota lamaanii irratti argamuun wal-qabatee biyyoota lamaan jidduu jiru erga waraanni Kaaba Itoophiyaa dhalatee hammaateera.

Gama kaaniin waraana kanaan lammileen Itoophiyaa dhalattoota Tigraay kumaatamaan lakkaa’aman gara Sudaan baqachuun ni yaadatama.

Torbee darbe daangaa biyyoota lamaanii gama Lixa Gondar magaalaa Matammaatiin walitti bu’iinsi akka ture gabaasaaleen bahaa turan.

Ganda magaalaa Matammaa jala jirtu Shimat Magaaduuqaa jedhamtu keessatti haleellaa humnooti Sudaan raawwataniin hojiin qonnaa qonnaan bultoota naannichaa gufachuunis gabaafameera.

Raadiyoon Sagalee Ameerikaa bulchaa Lixa Gondar Obbo Biiks Warqee waabeffachuun akka gabaasetti waggaa tokko keessatti abbootiin qabeenyaa 246 ta’an sababa walitti bu’iinsa kanaatiin hojii qonnaa dhaabaniiru.

Maddi BBC!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *