#Walloo

#Walloo

Lafa keenya irraa deemaa, lafti kun keenya, wanti godina addaa jedhamu hin jiru” humnoota Faannoo

Aanaa Jiillee Dhummuugaatti haleellaa hidhattoota Faannoo raawwataniin namoonni 27 ajjeefamanii jiru.

Godina Addaa Saba Oromoo Walloo aanaa Jiillee Dhummuugaa keessatti “haleellaa qindaa’aa” hidhattoota Faannoo fi poolisii naannoo Amaaraa Bitootessa 09, 2024 irraa eegalee bananiin jiraattotni aanichaa 27 yoo ajjeefaman, kanneen 40 ol ta’an ammoo madaa’uu jiraattonni himan.

Lolli kun guyyoota 11 dura kan eegalame wayita “hidhattoota Faannoo fi poolisii naannichaa jiraattota aanichaa irratti rasaasa dhukaasan” akka ta’e kan himan jiraattotni, lola ofirraa qolachuuf jiraattotni naannichaa itti galan keessa namootni ajjeefaman jiraachuus eeraniiru.
Guyyoota kudhanii oliif gandoota aanaa Jiillee Dhummuugaa keessa argaman 20 keessatti lolli itti fufuus beekameera .

Gareen faannoo fi humni addaa naannoo Amaaraa haleellaa qindaa’aa ganda Kollaashii kaasee hanga ganda magaalaa Sambatee daangeessutti gaggeessaa jiraniin daa’imman, maanguddoota fi dubartoota dabalatee namoota hedduu ajjeesaniiru. Dabalataan, manneen jireenyaa dabalatee qabeenya hedduu barbadeessan,” jedhe.
Haleellaa hanga har’aatti itti fufee kanaan namoonni lakkoofsaan 27 ta’n ajjeefamuu kan eeru jiraataan kun, namoota miidhaan qaamaa irra gahe 40 keessaa kanneen gara 20 ta’an karaa naannoo Affaar qaxxaamuruun yeroo ammaa kana hospitaala magaalaa Adaamaatti yaala argachaa jiraachuu himeera.
“Daandiin Finfinnee fi Dassee gidduu jiru waan cufameef namoota haleellaa kanaan miidhaman hospitaala geessuuf rakkanne. Baasii birrii hedduun karaa Affaariin imalanii Adaamaa gahan. Miidhamtoonni kaan ammoo magaalaa Sambatee fi Baateetti yaala argachaa jiru.”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *